Hoggantoonni Chaayinaa fi kan Gamtaa Awurooppaa, marii bal’aa gaggeessaa kan jiran Yoo ta’u, kunis waldhabdee daldala irratti qaban fi waraana Yukireen irratti wal qoqqoodinsa gadi fagoo jiru kan dabalatudha.
Prezidaantiin Chaayinaa Shii ping Kamisa har’a Beejiing keessatti pirezidaantota Awurooppaa lamaa fi Komishinii Gamtaa Awurooppaa irraa Ursula von der Leyen akkasumas, Mana Maree Gamtaa Awurooppaa irraa Chaarlis Misheel waliin mari’achaa turan.
Chaayinaan madaallii daldalaa waggaatti doolaara biiliyoona 200 ol gama lamaan gidduutti uumamu furuuf qaqqabummaa gabaa akka fooyyessitu Gamtaan Awurooppaa gaafachaa jira.
Gamtaan Awurooppaa teeknooloojii gara biyya alaatti erguu ilaalchisuun Daangaawwan kaa’uu fi qorannoo Gamtaan Awurooppaa konkolaattota elektirikiin hojjatan irratti maallaqa ba’u hanqiisuuf qorannaa gaggeessaa jirutti Chaayinaan hin gammaddu.
Forum