Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kutaan Somaaliyaa Ofiin Of Bulchitu Deemsa Filannoo ‘Sagalee Tokko Nam Tokkoof’ Jedhu Bara Dhufutti Karoorfatterraa Duubatti Deebite


Faayilii:Paarlaamaa Puntilaand
Faayilii:Paarlaamaa Puntilaand

Kutaan Somaaliyaa ofiin of bulchitu Puuntilaand Filannoo paarlaamaa karaa sagaleen nama tokkoo nama tokkoof jedhuun bara dhufu filannoo taisuusuuf karoorfattee turte dhiisuun, Mala filannoo wal xaxaa ta’een waraqaa filannoo gosa irratti hundaa’en filannoon gaggeessa jette.

Naannoon boba’aan badhaatuu jedhamtu kun walakkaa jaarraa oliif filannoo taasiftee kan hin beekne ji’a Caamsaa darbe keessa filannoo mana maree naannoo gaaggeessitee ture. Kunis michoota ishee Idil-addunyaa biratti seenaa qabeessa jedhameera. Yeroo sanatti namoonni siyaasaa mormitootaa pireezidaantiin kutaa biyya Puuntilaand Sa’id Abdulaahii Denii heera mootummaa fooyyeessuunii fi hojimaata filannoo to’achuun yeroo aangoo isaa dheeressuu barbaada jechuun komii irratti dhiyyeessaa turan.

Sa’id Abdullaahii Roobii kaleessaa ibsa kennaniin gaafa Amajjii 8 dhufuutti filannoon miseensota paarlaamaa ni taasifama jedhanii bakka bu’oonni gosaa miseensota paarlaamaa ta’uuf deeman 66 filannootti dhiyaatus jedhaniiru. Sa’id Abdullaahii sababa malli filannoo bara dhufu deemsiifamuf karoorfamne maaliif duubatti akka deebi’e osoo hin ibsiin , Murtee mufachiisaa akkasii egeree Puuntilaandiif murteessuukootti nan gadda jedhaniiru.

Namoonni Siyaasaa mormitootaammoo murtoo kana gamanumaan fudhachuu isaanii ibsaa jiru. Mootummaan biyyaaleessaa fi biyyoonni miseensota Fedeeraalaa Somaaliyaa bara 1969 yeeroo mootummaan abbaa irree Zi’aad Baaree aangoo qabatanirraa kaasee kallattiin filannoo taasisan hin qaban. Ollaa Puuntilaand kan taate Somaalii land keessatti bara 1991 yommuu walabummaa ishee labsattuutti kallattiin filannoon kan gaaggeeffamee ture garuu beekamtii idil- addunyaa hin arganne.

Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaamad ji’a Sadaasaa darbetti biyyattii keessatti sirni walxaxaani fi al kallattii ta’e bara 2024 keessa xumura akka argatu waadaa galanii ture

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG