Jilli addaa Yunaayitid Isteetis kan Gaanfa Afrikaa, Maayik Hamer Mudde 7 irraa jalqabanii Hanga 17tti gara Jabuutii, Qaataarii fi Itiyoophiyaatti akka imaluuf jiran ibsi waajira Dubbi-himaa Ministirii Dantaa alaa Yunaayitid Isteetis irraa bahe beeksisee jira.
Ambasaadar Hamer, Jabuutiitti kora guddaa Aangoo Waliinii Mootummootaa ka Misoomaa yokaan IGADtti hirmaatanii matoota biyyoota fi hoogganoota mootummootaa wajjiin dhimma Sudaan irratti kan mari’atan yoo tahu, aangawoota Jabuutii wajjiinis akka walga’an ibsi bahe addeessee jira. Jilli addaa Yunaayitid Isteetis, ka Gaanfa Afrikaa, Maayik Hamer wal-waraansa Sudaan keessaa dhaabsisuu, cehumsa dimookiraatawaa jajjabeessuu, akka gargaarsi namoomaa danqaa malee seenu fi kanneen hookkaraan miidhamaniif itti gaafatamummaan akka jiraatu dhiibbaa gochuu irratti carraaqqii sadarkaa naannoo fi idiladdunyaa taasisamaa jiru ka deggeran tahuu tu ibsame.
Ambaasaaddar Hamer, Qaataar keessatti ammoo Gumii Dohaatti hirmaachuudhaan hookkara Sudaan keessaa dhgaabsisuu fi Gaanfa Afrikaa keessatti akka tasgabiin buhu taasisuudhaaf carraaqqii sadarkaa naannoo fi idiladdunyaatti godhamu irratti aangawoota Qaataar waliin kan mari’atan tahuun himamee jira.
Itiyoophiyaa keessatti immoo carraaqqiilee waa’ee Sudaanii fi dhimmoota naannoo sanaa dursi kennamuufii qaban qindeessuu irratti aangawoota Gamtaa Afrikaa wajjiin walga’uuf akka karoorfatan tu ibsa Ministirii Dhimma alaa kana keessatti eerame. Kana malees akka aangawoonni Itiyoophiyaa waliigaltee hookkara dhaabuu Itiyoophiyaa Kaabaa tolfame, loltoota hidhannoo hiikkachiisuu, deebisuu fi uummatatti makuu akkasumas hojii Haqa Cehumsaa fi Ittigaafatamummaa hojii irra oolchuu itti fufan ka jajjabeessuuf jiran tahuun eeramee jira. Hookkarri naannoolee Amaaraa fi Oromiyaa keessaa mariin nagan akka furamu, qaamonni marti uummataaf akka eegannoo godhan, haasawa jibbinsaa irraa akka of qabanii fi mirga namoomaa kabajan kan jajjabeessan tahuunis, ibsa waajira dubbi-himaa Ministara Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis irraa har’a bahe kana keessatti himamee jira.
Forum