Hiriira nagaa Dilbata dhufutti Finfinneetti waamame hordofee namoonni hedduun to’annaa Poolisii jala Oolfamuu kanneen hiriiricha qindeessaa jirra jedhan Sagalee Ameerikaatti himan. Hoogganaan paartii Warraaqsa Uummata Itiyoophiyaa Ykn maqaa Ihaappaa jedhamuun waamamu , Piroofesar Zinaabuu Abarraa sagalee Ameerikaatti akka himanitti namoota siyaasaa hiriiricha qindeessaa turaan keessaa Afur to’annaa poolisii jala oolfamuu himanii Itti aanaa hoogganaa Paartichaa dabalatee namoonni to’annaa Poolisii jala turan gara buufata human waraanaa Awwaash Arbaatti geeffamaniirus jedhaniiru. Itti dabaluunis Hiriirri nagaa Dilbata dhufutti waamamee ture hafuus ibsanii gara fuula duraatti garuu ni taasifama jedhaniiru.
Humni nagaa fi tasgabbii mootummaa kaleessa ibsa baaseen magaalaa Finfinnee keessatti hiriira nagaa da’oo godhachuudhaan haleellaa Shororkeessummaa raawwachuuf kan turan namoonni Shakkaman 97 to’annaa jala oolfamuu beeksiiseera. Akka ibsa ba’eetti namoota to’annaa jala oolfaman keessaa namoota garee finxaaleeyyii nannoo Amahaaraa fi garee Shororkeessaa Shanee waliin hidhata qaban jechuu irraa kan hafe eenyummaa isaanii hin beeksiifne. Namoota Shakkamanii to’annaa jala oolfaman kana waliin meeshaaleen waraanaa , Fanjiiwwan dhohan, Boombiiwwanii fi Raadiyoowwan quunnamtii waliin qabamuu ibsuun kunis humnoonni alaa naannoowwan Oromiyaa fi Amhaaraa keessatti humnoota mootummaa lolaa jiran kan deeggaris jedheera. Jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu gabaase.
Forum