Imbaasii Yuunaayitid Isteetis kan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara kan ta’an Erviin Masiinga Gaafa muddee 5 fi 7 wal duraa duubaan magaalaa Maqalee fi Baahirdaariin daawwataniiru. Ambaasaddarichi wayita daawwannaa isaanii kan Maqaleetiin hooggantoota bulchiinsa mootummaa yeroo kan naannoo Tigiraay waliin wal arguun haala hojiirra oolmaa walii galtee Piriitooriyaa akkasumas haala Kaaba Itiyoophiyaa keessatti nageenya itti fufinsa qabu buusuun danda’amu irratti dubbataniiru. Hooggantoota naannichaan alattis Pireezidaantii Yuunivarsiitii Maqalee kan ta’an Dr. Faanaa Hagos waliinis wal arguun haala mootummaan Yuunaayitid Isteetsi barnoota deeggaruu danda’u irratti marii’ataniiru.
Ambaasaddar Errviin daawwannaa isaanii Bahaardaaritti taasisaniimmoo pireezidaantii bulchiinsa naannoo Amhaaraa Areggaa Kabbadee , Kantiibaa magaalaa Bahiir daar Goshuu Indaalammaawuu fi Pireezidaantii Yuunivarsiitii Baahirdaar Dr. Fireew Tagenyee waliinis marii taasisaniin naannicha keessatti nageenyi dhabamuun dhaabbilee ijoo jedhamanii fi uummata irratti miidhaa dhaqqabsiiseeru irratti marii’achuu isaanii ibsi Imbaasiin Ameerikaa Itiyoophiyaa jiru baase ni agarsiisa.
Imalli amma Ambaasadarichi taasisan kun imala isa gaafa Sadaasa 29 gara Samaraa Naannoo Affariitti tasisaaniin kan wal qabatu ta’ee , ammas gara fuuladuraatti Itiyoophiyaa naannoolee biroottis imaluuf akka karoorfataniiranis Imbaasichi beeksiiseera.
Forum