Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Zimbaabuwwee Kaadhimamtoonni Paartilee Mormitootaa Baay’een Filannoo Sanbata Dhufutti Akka Hin Hirmaanne Dhorke


Faayilii: Deggertoota paartii biyya bulchuu Zimbaabwee
Faayilii: Deggertoota paartii biyya bulchuu Zimbaabwee

Murtiin amma manni murtichaa dabarse biyya Albudaan badhaate Zmaabuwwee keessatti wal dhabdee siyaasaa cimaa fiduu danda’a jedhamaa jira. Mootummaan aangoorra jiru dhaaba siyaasaa tumsa lammilee jijjiiramaaf mormituu isaa cimaa ta’e to’annoo isaa jala oolchuuf taasisedha jec huun himatu hooggantoonni dhaabichaa. Ji’a Onkolooleessaa keessa Sengezo Tishabangu ani hoogganaa dhaabichaati jechuun teessoo miseensota mana maree bakka bu’oota Uummataaf dorgoman 14 duwwaa akka ta’u taasiseera. Amma immoo manni murtii ol aanaa Hararee kan hooggansi dhaaba siyaasaa tumsa lammilee jijjiiramaaf kan Tishabangu fakkeessaadha jedhu fayyadu murteesse. Miseensonni paarlamaaf dorgoman beekamtii Tishabanguun alattti dorgomuu hin qaban jechuun dhiyyeeffate amma mirkanaa’eefii filannoo Sanbata dhufu taasifamuuf jirurraa dhorkamaniiru.Manni murtii Hararee kaadhimatoota mana mareef dorgommiif dhiyyaachuuf turan Sagal keessaa maqaan namoota Saddetii waraqaa filannorraa akka haqamu ajajeera.

Filannoo dabalataa amma deemsifamuuf jirurratti Paartiin ZANU PF paarlaamaa keessatti harka caalaa argachuun heera mootummaa fooyyeessuu deemuuf isa fayyada jedhamee gamanumaan tilmaamni irratti kennameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG