Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Filannoo Bara 2024 Geggeessamu Irratti Akka Dorgomuuf Jiran Maddeen Oduu Biyyattii Gabaasan


Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putin Mana Mootummaa Kiremlin kan Mooskoo irraa haasaa ennaa dhageessisan Muddee. 8, 2023.
Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putin Mana Mootummaa Kiremlin kan Mooskoo irraa haasaa ennaa dhageessisan Muddee. 8, 2023.

Ejeensiin Oduu Raashiyaa Jimaata har’aa oduu qabatee ba’een bara 2024tti pireezidaantiin Raashiyaa amma aangoorra jiru Puutin irra deebbiin dorgomuun turtii aangoo isaanii hanga bara 2030tti dheereffachuu akka barbaadan himaniiru.

Manguddoon ganna 71 kun Raashiyaa hoogganuuf yeroo Afur dorgommii Filannoo Pirziidantummaa injifachuu isaanii kan labsataniiran , yeroo gabaabaaf muummicha ministiraa ta’uunis tajaajilaniiru. Puutiin marsaa Shanaffaaf dorgommii Pireezidaantummaa irratti yommuu hirmaachuuf deeman kanattis dorgomaan biraan cimaadha jedhamu isa mudachuu dhiisuu danda’uu dhiisuu fi wal dhabdeen Yuukireen irratti hirkachuunis wal dhabdee biyya keessaa dhoksuuf jecha aangoo guddaa barbaaduun isaa hin oolu jedhu xiinxaltoonni.

Bara 2020 tti fooyya’insa heeraa biyyattiitti wal falmisiisaa ta’e kan taasise Puutiin hanga bara 2036tti aangoorra turuuf kan tolfatedhas jedhameera.

Dhaabileen mirgaaf falman Raashiyaatti filannoowwan kanaan dura taasifaman sirna dhaboo waan turaniif taajjabdoonni walabaa sagalee filannoo dhufuu kanaarraa dhorkamuu danda’us jechuun gamanumaan sodaa jiru lafa kaa’aa jiru.

Filannoo Raashiyaa ji’a Sadaasaa bara 2024 tti taasifamuuf jiru Miidiyaaleen walabaa akka hin gabaasneef jecha seerota miidiyaa tokko tokko cimsuun buufata filannoo keessa seenanii akka hin gabaasneef taasisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG