Komishiniin mirga namoommaa Itiyoophiyaa fi Gumiin mirga namoomaa Itiyoophiyaa guyyaa mirga namoomaa sababeeffachuun ibsa waloon kennaniin , Jeequmsoota sarbama mirgoota namoomaaf sababoota ta’an karaa nagaa akka hiikamaniif mootummaan ga’ee dursummaa isaa akka ba’atuuf waamicha dhiyyeessan. Dhaaboliin kunneen guyyaa mirga namoomaa akka Idil Addunyaatti kaleessa kabajame sababeeffachuun Itiyoophiyaa keessatti furmaata waaraa fiduudhaaf qaamooleen isaan ilaallatu hundi adeemsa nagaa iftoomina qabuu fi hunda hirmaachise akka hordofan irra deebbiin waamicha dhiyyeessina jedhaniiru.
Itti Aantuun komishinii mirga namoomaa Itiyoophiyaa Aadde Raakeeb Mallas akka Idi addunyaatti guyyaa mirga namoomaa wayita kabajaa jirrutti Itiyoophiyaa keessatti jeequmsoota hedduutu jira jedhanii kunis mirga namoomaa irratti dhiibbaan geessisan guddaadha. Jeequmsoota kanneen karaa nagaa hiikuuf mootummaan ga’ee dursummaa fudhachuu qabas jedhan. Kana malees walitti bu’insoonni kunneen karaa nagaa hiikamuun alatti filannoon biraa hin jiru jedhaniiru. Itti aanaa gumii mirga namoomaa Itiyoophiyaa kan ta’an Obbo Tasfaayee Gammachuus dubbii dubbataniin walitti bu’insoota dhaabsiisuun ga’ee olaanaa mootummaati jedhanii mariiwwan karaa nagaa akka jiraataniifis haaloota mijeessuu fi kaka’umsa qabaachuun irraa eegama jedhaniiru jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu gabaase.
Forum