Namni nageenya kiyyaaf sodaan qaburaa maqaan koo akka dhahamu hin fedhu jedhan tokko sagalee Ameerikaatti akka himanitti sadaasa 30, bara 2016 Dilbata kaleessaa galgala naannoo Sa’aatii 12 tti humnoonni Faannoo fi mootummaa osoo haleellaan diroonii kun fudhatamiin dura naannoo holqa diimaa fi buwaasi jedhamuun beekamanaitti wal waraanaa turan jedhe.
Namni biraan hojjetaa mootummaa ta’uu isaanii himanii fi maqaan isaanii akka dhahamu hin feene biraan jiraataa magaalaa Daansaa ta’an akka sagalee Ameerikaatti himanitti konkolaataa “FSR” jedhamuun beekamu tokkorratti namoonni nagana fe’amanii yommuu deemaa jiranitti halleellaa meeshaa waraanaa sagalee guddaa qabuun rukkatamanii namoonni hedduun du’aniiru jedhan.
Hojjetaa buufata fayyaa Daansaa kan ta’anii fi maqaan isaanii akka himamu hin feene tokkommoo sagalee ameerikaaf yaada kennaniin halleellaa raawwatameen booda namoonni 17 madaa'anii yaalaaf buufata fayyaa sana akka seenanii fi namoonni Afur osoo yaalamaa jiranii lubbuun isaanii darbeera jedhaniiru jechuun Dasseerraa Masfin Arraageetu gabaase.
Forum