Xurree ittiin seenan

Breaking News

De’eetaan Ministara Nagaa Itiyoophiyaa Obbo Taayyee Danda’aa Aangoo Irraa Kaafaman


FAAYILII: OBBO TAAYYEE DANDA'AA
FAAYILII: OBBO TAAYYEE DANDA'AA

Obbo Taayyee Danda’aa fuula miidiyaa hawwasa kan dhuunfaa isaanii “Face book” irratti barreeffama maxxansaniin Ministirri muummee Abiyyi Ahimad aangoo hooggansaa irraa akka isaan kaasanii eeruun, aangoo irraa kaafamuu isaanii xalayyaa agarsiisu maxxansaniiru. Obbo Taayyeen barreeffama isaanii Muummicha ministiraa Abiyyi Ahimaadiif jedhanii maxxansaniin “Yaada Ida’amuu dubbattee fi barreessite amanee isin hordofe. Dhawaata garuu nama waan dubbatu hin jiraanne qofa otoo hin taane cubbamaa dhiiga namaatiin taphatu ta’uu keessanin hubadhe. Gaafan dhugaa sehee waraana bilaasha maqaa walabummaa biyyaatiin bantan, isa Itoophiyaanota wal-nyaachise, fi diinagdee biyyaa kuffise gegeessaa turtan deeggaretti na faarsaa turtan. Hardha gaafan dubbii argee gara nagaa goruun wal-ajjeechaan obboleeyyanii haa dhaabatu jennaan aangoo narraa fudhattan. Otoon shira Oromoo Oromoodhaan balleessuu fi obboleeyyan isaatiin walitti buusuuf kaatan argaa callisuu dhabuu kootii baayyeen gammada,” jechuun maxxansuun turtii waliin qabaanneef galatoomaa eega jedhanii booda, hangan jirutti qabsoon nagaa fi Obbolummaa Uuummataatiif godhu ittin fufas jedhaniiru obbo Taayyeen.

Xalayyaa Obbo Taayyeen barreeffama kana waliin maxxansan kan mallattoo mummicha ministiraa fi maqaan isaanii irra jiruun “ Gaafa Fulbaana 28, bara 2014 irraa kaastanii De’eetaa Ministira Nagaa taatanii ga’ee ba’achaa turtaniif isin galateeffachaa , Muddee 1, 2016 irraa kaastanii itti gaafatamummaa keessanirraa kaataniittu,” jedha.

Hanga ammaatti dhimmi kanarratti gama Mootummaan deebiin kenname hin jiru. Gama Obbo Taayyeen deebi’ee gahaa argachuuf jecha bilbila harkaa isaaniirratti biulbilleef hin kaasan; barreeffamaan ergaa keenyeefis hin deebisan. Gara fuula duraatti kan argaman yoo ta’e qabannee dhiyyaanna.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG