Dhaabbatni mootummoota gamtoomanii hooggantoonni Addunyaa miira seerri mirga namoomaa itti ragga’e kan waggoota 75 har’aa tureetti deebi’uun dhiibbaan mirgaa fi wal qoqqooddaan babal’atee jiru akka hafu gaafate.
Xumura waraana Addunyaa lammafaa fi ajjeechaa jumlaa magaaloota keessatti raawwate hordofee tarkanfii fudhatameen biyyoonni mirga bu’uuraa fi bislisummaa sadarkaa addunyaatti namoota hundaaf eeguuf yeroo jalqabaaf barreeffama irratti walii galanidha. Komishinarri olaanaan mirga namoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Volker Turk ibsa kennaniin labsiin mirga namoomaa Kun daaraa waraanaarra dhaabbatamee abdii ifaa abadatamedha jedhan. Bara 1948, gaafa mudde 10, paarisitti walii galteen Kun yommuu ragga’erraa kaasee waggaa 75 ffaa isaa wayita kabajaa jiranitti Volker Turk, seera daandii nagaa kaa’e jechuun ibsan. Wayita waggaa 75ffaa kana kabajaa jiruttis namoota miliiyoonootaan lakkaa’aman naannoo paaleestiin , keesumaa Gaazaa fi Israa’eel, Sudaan , Yuukireen, Miyaanmaar fi bakkeewwan biro hedduu keessatti haala dandamachuu hin dandeenyeen yeroo rakkachaa jiranidha jechuun ibsan Volker Turk .
Volker Turk waajjira muummichaa Jeneevaatti Wiixata kana kabaja yaadannoo waggaa 75 ffaa kanarratti dubbii dabalataan taasisaniin beela, qoqqooddaa fi jibbiinsa , Ukkaamsaa fi arii’atama, dhiibbaa mirga namoomaa karaa jijjiirama qilleensaa fi nam tolcheen faalama qilleensaan uumaamni baduun qormaata gadi fagoo fi kanneen mirga namoomaa kabajuu dhabuu waliin walitti hidhaminsa qaban irraa kanneen maddanidha jedhan. Dhuma irrattis biyyoonni miseensa ta’an hundi miira isa gaafa labsiin Kun ragga’eetti akka deebi’aniif waamicha dhiyyeessaniiru.
Forum