De’eetaa ministeeraa ministira nageenyaa mootummaa Ityoophiyaa kan turani fi guyyaa kaleessaa xalayaa muummichaa ministeeraa Abiyii Ahimed irraa barreefameen taayitaa isaanii irraa kan kaasaman obbo Taayee Danda’aa guyyaa har’aa hidhamuun isaanii ibsameera.
To’annoo jala olfamuu obbo Taayee ilaalchisee gumiin waloo dhimma tasgabii fi nageenyaa mootummaa Ityoophiyaa ibsa baaseen, obbo Taayeen miseensa ABO ta’udhaan hidhamanii erga turanii booda, mana hidhaatii hiikamanii taayitaa kennameefiin de’eetaa ministeeraa nageenyaa ta’anii waa’ee nageenyaatiif hojjachuun ittu isaan irra jiru, gareewwan ibsichii “farra nageenyaa” jedhee waamee wajjin dhoksaadhaan ittu hojatanuu argamuu isaanii eeree jira.
Obbo Taayeen yemuu too’annoo jala oolfaman mana isaanii keessaa bilbilli harkaa 9, kompiitarri laaptoop 4 , gabataaleen konkola’ataa adda adda 4, qawween kilaashii fi shuguxoonni, rasaasonni adda addaa fi galmeenwwan adda addaa argamuu isaanii ibsii qaamaa mootummaa kun beeksisee jira.
Obbo Taayeen taayitaa mootumma irraa ittu jiranii mootummaan akka nama ajeesaa jiruu fi balleesaa jiru ibsuudhaan himachaa akka turan kan hime ibsi qaama mootummaa kun, haanga’ootaa mootummaa biroo irrattis hordofiin taasifamaa akka jiruuf dhiheenyaatti tarkaanfii fudhatu ummataaf akka ibsu eeree jira.
Bulchiinsaa muumicha ministeeraa Abiy Ahimed ifatti bahuudhaan midiyaalee hawaasaa irratti kan qeeqaa turan obbo Taayeen ergaa taayitaa irraa ka’uun isaanii itti himamee booda, xalaayaa muummicha ministiraa Abiy Ahimediif jedhanii barreesan keessatti,
“Yaada eda’amuu Abiy Ahimade barreesanii fi dubbatanii amanuudhaan akka isaan hordofan ibsanii, dhaawatan garuu waan dubbatan akka hin jiraanee fi kan dhiiga namaatiin taphatu ta’uu isaan hubadhee” jechuudhaan ibsaniru.
Obbo Taayeen dhuma xalayaa isaanii irratti, “turtii waliin qabaanneef galatoomaa” erga jedhanii booda, “hangan jirutti qabsoon nagaa fi Obbolummaa Uummataatiif godhu ittin fufa” jedhaniiru. Obbo Taayeen yoom mana murtiitti akka dhihaatanuuf galmeen himannaa ifatti irraati banamuu isaa irratti wantii ibsamee hin jiru.
Forum