Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Huuttii Doonii Noorwey’rratti Misaa’ela Dhukaase


Misaayilli ripxe loltoota Hutii doonii alaabaa Norewy of irraa qabdu haleele
Misaayilli ripxe loltoota Hutii doonii alaabaa Norewy of irraa qabdu haleele

Misaa’elli bakka gareen hidhattootaa yemen keessaa socho’u Huutiin too’atu irraa dhukaasamee doonii alaabaa biyyaa Noorwaay qabu tokko rukutuun isaa ibsameera.

Akka ibsii waaltaa ajaja waraanaa Yunaayitid Isteets jedhetti, qibxata har’aa sulula garbaa Bab al mandab jedahmu irratti haleellaa misaa’elaa raawwate kanaan dooniin rukutamee abdii itti qabachuu isaa himee lubbuu namaatiif qabeenya irratti miidhaa qaqqabe hin ibsine.

Gareen mootummaa Iraniin akka deggeramuu himamu Huutiin, naannoo garba diimaa ykn bishaanicha irraatti Israa’el irratti xiyeeffachuudhaan yemmuu Diroonii dhaaf misaa’ela dhukaasu inni har’aa kun isa haaradha jedhameera.

Umnii galaanaa Yunaayitid Isteets Dilbata dheengaadaa suursagalee ifatti agarsiiseen dooniin waraana Yuunaayitid Isteets garba diimaa irra buufatee jiru misaa’ela garee Huutti irraa dhukaasamee qolachuudhaaf jechaa dhukaasa farraa misaa’elaa taasisuun isaa ibsameera.

Gareen Huuti Sambata dheengadaa ibsa baaseen dooniwaan Israa’eel ykn kanneen karaa yemeniin darbanii gara Israa’elitti imalan irratti akka dhukaasu beeksisuun isaa gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG