Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waliigalteen Dhimma Daangaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa Gidduutti Aljeersitti Mallatteessame Har’a Waggaa 23 Guute


Prezidaantiin Aljeeriyaa Abdelaziiz Bautifikaa Ennaa prezidantiin Eertraa Isaayyaas Afewerqii fi muummichi ministeera Ityoophiyaa duraa Mallas Zeenaawii Harka Wal Fuudhan ennaa Daawwataanitti
Prezidaantiin Aljeeriyaa Abdelaziiz Bautifikaa Ennaa prezidantiin Eertraa Isaayyaas Afewerqii fi muummichi ministeera Ityoophiyaa duraa Mallas Zeenaawii Harka Wal Fuudhan ennaa Daawwataanitti

Ibsa ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi karaa dubbii himaa isaa Maatiiw Miiler baaseen wal dhabdee Itiyoophiyaa fi Eriitiriyaa gidduu ture furuuf walii galteen Aljeers kan mallaatta’e har’I waggaa 23ffaa isaati.Waggaa 23 har’aa Itiyoophiyaa fi Eriitiriyaan deeggarsa hawwaasa Idil Addunyaatiin karaa walii galtee Aljeersiin daangaa waloo daangeessuuf waadaa waliif kan galan.

Bara 2018ttis biyyoonni lamaan walii galtee nagaa isa seenaa qabeessa jedhameef taasisuun biyyoonni lamaan dhimmoota daangaa akka walii galtee Aljeersitti akka kabajan irra deebbiin waadaa waliif seenan kan jedhe ibsichi yeroo wagaan 23faa isaa kyaadatamu kanattis abbaan biyyummaa fi birmadummaan daangaa biyyoota lamaanii yeroo kamiyyuu caalaa kabajamuu akka qabus dhaameera. Yuunaayitid Isteetsi deeggarsa walii galtee Aljeersiif qabdu ammas irra deebitee kan ibsitu yommuu ta’u, Itiyoophiyaa fi Eritiriyaanis hafuura nagaa bocamaniin gara naannoo tasgabbaa’aa fi badhaadhina qabuutti irra caalaatti akka waliin hojjetan Jajjabeessiti jedha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG