Waraanni Israa’el duula waraanaa garee hidhattoota Hamas dhabamsiisuuf gaggessaa ture keessatti, loltoota isaa 10 Gaazaa kaaba keessatti du’uu isaanii Roobii har’a beeksiseera.
Guyyaa kaleessaa bakka 250 ol haleeluu kan ibsee Waraanni Israa’el Haleellaan qilleensa irraan gaggeessenis garee rookkeetii Israa’el irratti furguggisuuf qophaa’e ture ittiin jedhe rukutuu dabalatee ture.
Duula Gaazaa keessatti loltoonni Israa’el gaggeessaa turaniin, reeffa namoota lamaa kanneen Hamaasiin baatii Onkoloolessa keessa booji’amanii turanii argatee jira.
Dubbi himaan Raayyaa Ittisa Israa’el akka jedhanitti, Hamaas kutaalee Gaazaa namoonni itti baay’atan kan lafa jalaa keessatti namoota booji’ee qabatee jira.
kunis tattaaffiin baraarsaa walxaxaa taasisee jira, garuu Israa’el booji’amtoota hunda bilisa baasuuf ergama qabdu irraa duubatti akka hin deebifne dubbatan.
Dhiibbaa waraanni kun Namoota nagaa Falasxiinota kanneen Gaazaa keessa jiran irratti geessisu ilaalchisee, akeekkachiisni haaraan yeroo kennamaa jiruutti, wal waraansii itti fufuun ibsamaa jira.
Wanti nama gaddisiisu garuu, du’aa fi gidiraa akkasumas qe’eofii irraa godaansa namoota nagaa dabalataan argaa jirra. Kunis kutaa sana keessatti soda uumeera jechuun, Qondaalli waa’ee baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa Filippo Grandi har’a dubbataniiru.
Abuniin kaatooliikii Roomaa Pope Firaansis dhukaasii hatattamaa akka dhaabbatu, gargaarsi namoomaa gara Gaazaatti akka seenuu fi booji’amtoonni Hamaas qabaman akka gadhiifaman gaafataniiru.
Ameerikaan duula waraanaa Israa’el Gaazaa keessatti raawwate irraa kan ka’e hamma miidhaa namoota nagaa mudate irratti yaaddoo guddaa keessa gala akka jirtu mallattoon agarsisuu kan jiru yoo ta’u, prezidaant Joo Baayiden Kibxata kaleessaa deeggarsa cimaa Israa’eliif taasisaa jiran ta’uus, Mummicha Ministeeraa Beeniyaamin Netaaniyaahuun ifatti ceepha’aniiru.
Forum