Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiloonni Biyyoota Dhibba Lamaa Dubaayitti Marii Haala Qilleenssa Irratti Hirmaatan Waliigalteen Xumuratan


FAAYILII: Marii Haala Qilleenssa kan Tokkummaa mootummootaa Dubaayitti Geggeessame Muddee 13,2023
FAAYILII: Marii Haala Qilleenssa kan Tokkummaa mootummootaa Dubaayitti Geggeessame Muddee 13,2023

Jilli biyyoota gara 200 ta’an kanneen walgahii haala qilleensaa kan Tokkummaaa Mootummootaa isa Dubaay keessatti gaggeeffame irratti hirmaatan, boba’aa cilee, dhuukuuta zayita boba’aa fi gaaza uumamaa irra argaman fayyadamuu irraa fagaachuuf waliigalaniiru.

Waliigalteen kun marii torban lamaaf erga gaggeeffamee booda kan dhufe yoo ta’u, lafa irratti ho’isa qilleensaa mudatee irratti kan xiyyeeffatedha.

Biyyonni 100 ol taʼan, bobaʼaa faalama qilleensaa fidan gargaaramuu dhaabuuf, jabinaan dhorkamu qaba jechuun dhiibbaa taasiisan.

Waliigaltichi itti fayyadama boba’aa faala qilleensaa fiduu fayyadamuu kana marsaa marsaan dhaabuu bira darbee bara 2050tti dandeettii anniisaa haaromfamuu dachaa sadini guddisuu akkasumas teeknooloojii qilleensa faalamaa kaarboon jedhamu qilleensa keessaa walitti qabuun, lafa jalatti kuusuu saffisiisuu gaafatee jira.

Namoota barreeffamaan boba’aa faalama qilleensaa hammeessan marsaa marsaan dhaabuu ifatti mormaniif, jaallatanis jibbanis boba'aan akkasii marsaa marsaan dhabamsiisuun waan hin oolle ta'uu isaa dubbachuun barbaada," jechuun barreessaa dureen Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guterees Twiitarii duraanii irratti dubbataniiru .“Yeroon eega dabree booda akka hin dhufne haa abdannu jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG