Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Isiraa'el Kamisa Har'aa Qilleensa Irraan Haleellaa Dabalataa Gaazaa Irratti Deemsisan


Muddee 14, 2023 Israa'elii fi hidhattoota Faalisxiin Hamaas gidduutti waraana itti fufeen haleellaa Israa'el dhaqqabsiisteen dugdee Gaazaa kibbaatti kan argamu Kahaan Yunus irratti ibiddi boba'u suraa Raafaaha kaafame ennaa mul'isu
Muddee 14, 2023 Israa'elii fi hidhattoota Faalisxiin Hamaas gidduutti waraana itti fufeen haleellaa Israa'el dhaqqabsiisteen dugdee Gaazaa kibbaatti kan argamu Kahaan Yunus irratti ibiddi boba'u suraa Raafaaha kaafame ennaa mul'isu

Humnoonni Israa’el Kamisa har’a haleellaa qilleensa irraa dabalataa Gaazaa irratti kan gaggeessan yoo ta’u, kunis daawwannaa qondaalli olaanaa masaraa Waayit Haawus gamasitti karoorfatan durseetu.

waraana Israa’el haleellaa marsaa itti aanuu Hamas irratti geggeessuu fi tattaaffii namoota nagaa Falasxiin lola kana keessatti danqaman haala gaariin eeguuf yaalii taasiftu irratti mari’achuuf daawwannaa kana karoorfatan

Dubbi himaan Mana Maree Nageenya Biyyoolessaa Waayit Haawus Joon Kirbii gaazexeessitootaaf akka himanitti, gorsaan nageenya biyyoolessaa Waayit Haawus Jake Sullivan marii Kamisaa fi Jimaata Israa’el keessatti taasifamu fayyadamuun, duula gaggeeffamuu kun kallattiin waan akkeekamee irratti qofa kan qiyyaafatee fi caalaatti sirrii ta’uu akka qabu kan dubbatan ta’u ibsan.

“Sun kaayyoo keenya, lammiwwan israa’eliifis kaayyoo isaaniit, garuu bu’aa isaatu lakkaa’ama,” jedhan Kirbiin.

Kana malees Sullivan, waamicha Amerikaan Israa’el gargaarsi namoomaa karaa qaxxaamuraa Kerem Shalom Gaazaa akka seenu akka hayyamtu gaafattee irratti mari’achuuf karoorfatanii jiru.

Sunis gargaarsaa amma jiru kan qaxxaamuraa Raafaa qofa keessa darbu ni babal’isa. Israa’el torban kana fe’umsa gargaarsaa Kerem Shalom irratti sakatta’iinsa eegalte, garuu waan ergamaa jiru sun ammallee gara Rafah deemuu qaba.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG