Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rippaabilikiin Dimokiraatawaa Koongoo Filannoo Gaggeessuuf Gargaarsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Gaafatte


Faayilii: Filannoo Ripaablikii Dimokraatawaa Koongoo
Faayilii: Filannoo Ripaablikii Dimokraatawaa Koongoo

Gareen ergma nageenyaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii hattattamaan Rippaabulika Dimookiraatawaa Koongoo keessa akka ba’an Kiinshaasaan barbaadduyyuu, dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti Ambaasaddari Rippaabulika Dimokiraatawaa Koongoo gareen ergama nageenyaa kun bakka to’anii jiraniti biyyi isaanii meeshaalee filannoo geejibsiisuu akka dandeessuuf akka eeyyamaniif mana maree nageenyaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii xalayaan gaafatan.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ambaasaddari Rippaabulika Koongoo Zeenoon Nigaay Mukoongoo mana maree nageenyaa dhaabbatichaaf xalayaa barreessaniin gareen ergama nageenya kabachiisuu kan Koongoo keessaa bakkoota to’atee jirutti meeshaaleen filannoo akka geejibsiifamaniif akka eeyyamuuf gaafatan. Akkka maddeen Dippiloomaasii jedhanitti manni marichaagaafficha fudhatee irratti mari’achaa jiraachuu kan ibsan, Yuunaayitid Isteetsi garuu gaaffii kana fudhachuuf fedhii hin qabdu jedhameera.

Dubbii Himaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Istefan Dujaarik xalayaan Ambaasadar Nigaay Mukoongoon barreeffame kun gaaffi hedduu kaasa jedhanii manni maree nageenyaa immoo deebii kennuuf jiru eega jiira. Garuu filannichi akka itti fufu abdii guddaa qabnas jedhaniiru. Biyyi Rippaabulika Dimokiraatawwaa Koongoo biyya qabeenya Albuudaan badhaata taatee hiyyummaa keessa kan jirtu Roobii dhufu gaafa Muddee 20, filannoon ni taasifama jedhamee eegama.

Koongoo gama Lixaarraan gareen hidhatee socho’u kan bara 1990 taa fi 2000 taa keessa ture nananichi waraanaan akka jeeqamuuf sababa ture. Ammas gareema kan fakkaatu gareen hidhannoon socho’u M23 jedhamuun beekamu bara 2021 irraa kaasee naannicha bakkoota hedduu to’atee jira.

Gareen ergama nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii kan duraan Zaayiree keessa turee fi amma MONUSCO jedhamuun waamamu hanga ammaatti naannoo walitti bu’insaan guutamte Sadii keessa nagaa kabachiisuuf bobba’e achuma jira. Garuu mootummaan gareen kun biyya sana keessaa akka bahuuf gaaffii dhiyyeessee jira. Gareen gola nagaa eegumsaa kun waggoota 20 f Koongoo keessa ture akka gadhiisee ba’u kan feetu Kinshaasaan Meeshaalee Filannoo deddeebisuun akka gargaarufimmoo gaaffii dhiyyeessiteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG