Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Hidhattonni Huuttii Biyya Yemen To’atan Irraa Misaahelli Dhukaasame Ammas Galaana Diimaarratti Doonii Ka Biraa Rukkute


Dubbi himaa waraana Hutii Yehiyaa Saaree'aa haleellaa doonii galaana diimaa irra ture irratti raawwatamuun deggersa uummaata Gaazaa mul'isuuf ta'uu Sana'aa Yemen keessatti Muddee 15,2023 ennaa ibsa kennan
Dubbi himaa waraana Hutii Yehiyaa Saaree'aa haleellaa doonii galaana diimaa irra ture irratti raawwatamuun deggersa uummaata Gaazaa mul'isuuf ta'uu Sana'aa Yemen keessatti Muddee 15,2023 ennaa ibsa kennan

Jimaata har’aa bakka hidhattoonni Huuttii kan Yeman keessaa to’atanii jiranirraa Misaa’eelli gara doonii Galaana Diimaarra jirtu tokko rukuchuu isaa Anagawoonni himan. Dooniin Galaana Diimaarratti rukutamte kan Alabaa Laayibeeriyaa kan ofirraa qabduudhas jedhameera.

Halleellaan doonii galaana diimaarra jirturratti qiyaafate kun bakka Al Jasrah jedhamu kan buufata Bab el-mandeb bakka murteessaadha jedhamu irratti raawwate kun miidhaa namarraan hin geenye. Halleellaa kanaas garee hidhattoota Huuttis kan Yemen keessa jiranii fi kan Iraaniin deeggaramu jedhamanitu raawwates jedhameera. Gareen hidhattoota Huuttis garuu halleellaa kana raawwachuu isaaf deebbiin inni kenne hin jiru. Tibba kana irra deddeebbiin galaana diimaa irratti haleellaan dooniiwwan irratti qiyyaafate kan raawwatamaa jiru yommuu ta’u , isa Israa’eel humna lafoonii fi qilleensarraan Gaazaarratti fudhachaa jirtuuf gareen hidhattoota Huuttis raawwataa jirus jedhameera.

Doonii Al Jasrah kan halleellan irratti raawwate kana kan hoogganu teessoo isaa Jarman kan godhate dhaabbanni doonii Hapag Looyid halleellaan irratti raawwatamuu mirkaneessee tuuta hojjeetata Doonii sana keessa turanirra garuu miidhaan qaqqabe hin jiru. Haala nageenyi isaanii eegamee ba’uu danda’an irrattis hojjeechaa jirra jedheera. Dhaabbanni dooniiwwan hoogganu kun waajjiraalee buufata Israa’eel keessaa kanneen akka Ashdood, Ha’ifaa fi Telaviv irraas qaba.

Guyyaa tokkoon duras Kamisa kaleessaa haleellaan misaa’eelii lama kan doonii daladalaa kan boba’aa Jeettii fe’eeru kan Hindiin oomishameerurratti kan qiyyaafate bakka hidhattoonni Huuttis to’atanii jiraniirraa dhukaafame achuma Bab el mandeb irratti doonii sana osoo hin argatiin hafeera. Akkasumas gaafa Wiixataa galgala achuma galaana diimaa irratti Misaa’eelli Doonii Alaabaa Noorweey ofirraa qabdu irratti kan qiyyaafate bakka Gareen hidhattootaa Huuutis Yemen keessaa to’atanii jiran irraa dhukaafameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG