Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidha Laga Abbayyaa Ilaalchisee Finfinneetti Mariin Biyyoota Sadeenii Jalqabamee Jira


FAAYILII: Mariin marsaa 4ffaa kan hidha laga Abayyaa jalqabame
FAAYILII: Mariin marsaa 4ffaa kan hidha laga Abayyaa jalqabame

Hidha laga Abbayyaa ilaalchisee Mariin marsaa 4ffaa kan Itoophiyaa, Masrii, fi Sudaan gidduutti gaggeeffamuu har'a Finfinnee keessatti eegalamee jira.

Mariin tibbanaa kun Ibsa Waliinii Muummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa, Abiy Ahmad, fi Pireezidaantiin Masrii Abdel Fatah el Sisi Adooleessa 13 July 2023, qajeelfamaa fi seera guutinsa jalqabaa fi hojii waggaa hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa xumuruuf marii ariifachiisaa jalqabuuf walii galaniin ta’u mootummaan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Walgahiin marsaa 4ffaa kun ituu hin jalqabamiin dura, ogeeyyiin teeknikaa kan biyyoota sadeenii guyyaa tokkoof wal ga’uu isaanii ministeerri haajaa alaa Itiyoophiyaa hubachiiseera.

Walgahiin ministeerootaa kun, marii ammaan dura gaggeeffamee fi marii ogeessoota teekniikaa irratti hundaa’uun waliigaltee walii irra ga’uuf yaaliin ta’u itti fuufa jechuun, mariisiisaa olaanaan kan Itiyoophiyaa Dr. SIlashii Baqqala fuula sabaa himaa hawaasaa kan ofii irratti barreeffama baasanii beeksiisan.

Itoophiyaan Pirojektii hidha guddichaa irratti Labsii Dudhaalee bara 2015 baheen qajeelfamaa jirti. Keessattuu, Itiyoophiyaan bu’aan waliigalteedhaan akka argamuuf, qajeelfama itti fayyadama bishaan laga Abbayyaa haqa qabeessaa fi madaalawaa ta’e irratti hundaa’uu yaalii ishee itti fufti.

Marii ammaan dura gaggeeffamaniin waliigaltee tokko malee kan xumuraman yoo ta’u, isa kanaafis Itiyoophiyaa fi Masriin inni tokko isa kaan itti gaafatamaa taasisanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG