Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaa fi Gamtaan Awuroopaa Har’a Waliigaltee Hariiroo Daldalaa Mallatteessan


Prezidaantii komiishina Gamtaa Awrooppaa Ursulaa von der Leyeen fi prezidaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo
Prezidaantii komiishina Gamtaa Awrooppaa Ursulaa von der Leyeen fi prezidaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo

Keeniyaa fi Gamtaan Awurooppaa waliigaltee daldalaa yeroo dheeraaf tolfatan Wiixata har’a mallatteessuu isaanii prezidaantiin Keeniyaa Wiliiyaam Ruutoo ibsanii jiru.

Kunis dhiyeessii meeshaalee gabaa lamaan gidduu jiru guddisuuf akkasumas Biraasels Afriikaa waliin hariiroo dinagdee cimaa hordofaa jirti jedhameera.

“Har’a yeroo waadaa guddaa kana mallatteessaa jirruutti, jijjiirama seena qabeessaa fi jalqaba walta’iinsaa ti jedhan Ruutoon. Kanas kan jedhan sirna hoggantuun Komishinii Awurooppaa Ursulaa von der Leyen irratti argaman kan magaalaa Naayiroobii keessatti gaggeeffame irratti ture.

Waliigaltee Tumsa Diinagdee kun, Keeniyaan waan gabaa biyya alaatti Gamtaa Awurooppaa ergiitu guddaa ta’e qaraxa irraa bilisa akkasumas, kootaa irraa bilisa ta’e akka argattu kan taasisu yoo ta’u, meeshaaleen Awurooppaa ammoo taarifaa tartiibaan gad cabaa ni argatu.

"kaayyoon qophii kanaa maallaqa dhugaa harka namoota idilee keessa galchuudha," jedhan Ruutoon.

Angawaa Gamtaa Awurooppaa von der Leyen walta'iinsi kun '' gama lachuuf injifannoo ta'uu ibsuun, biyyoonni Afrikaa Bahaa biroo waliigaltee kana akkatti akka dabalaman makaman gaafataniiru. kunis marii waggootaaf ture kan baatii Waxabajjii keessa xumurame booda kan argameedha jedhan.

"Hariiroo keenya baayyee cimaa ta'e keessatti boqonnaa haaraa banaa jirra, amma carraaqqiin keenya hojiirra oolmaa irratti xiyyeeffachuu qaba," jedhan

Paarlaamaan Keeniyaa fi Awurooppaa waliigaltichi osoo hojiirra hin oolin dura raggaasisuu qabu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG