Manni Maree naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummoota, Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabiinsii ta’e akka gargaarsii namoomaa seenuuf murtee gaafatu, har’a Wiixata har’a sagalee kenna jedhamee eegama.
Kunis, Ministirri Ittisaa Yunaaytid Isteetis Lloyd Austin ammoo Israa’el daawwachuun, namoota nagaaf eeguumsii akka ta’u akkasumas, karoora Israa’el marsaa itti aanu waraana Hamas irratti qabdu irratti mari’ataniiru.
Austin erga Israa’el ga’anii booda kan duraan Twitter jedhamuun beekamu irratti akka jedhetti, marii Mummicha Ministeeraa Israa’el Beenjaamin Netaaniyaahuu fi Ministira Ittisaa Yoav Gallant waliin taasisaniin “waadaa jabaa akka sibiilaa Ameerikaan Israa’eliif galte irra deebi’ee ibsuun” gargaarsi gara Gaazaatti akka seenuu dandeessisuuf akka ta’e dubbatan .
Wixineen murtii Mana Maree Naga eegumsaa kan dhaabbilee oduu hedduun kan argan yoo ta’u, “gargaarsa namoomaa danqaa tokko malee akka seenuu gochuuf diinummaa wali ilaaluu hatattamaa akka argamuu kunis kan lubbuu dheeratu ta’u qaba jecuuf ” gaafatee jira.
Konkolaattonni gargaarsa fe’an hedduun Gaazaa ga’aa kan turan yoo ta’u, Israa’el torban darbe bakka geejjibni itti seenuuf qaxxaamuraa kan biraa bantee turte, garuu dhaabbati gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa ykn OCHAAN, konkolaattonni fe’umsaa 121 gaafa Sambataa seenan sun, wal waraansa dura guyyaa guyyaatti gargaarsa gara Gaazaatti seenuu 500 irraa baay’ee gadi bu’aa ta’uu ibseera.
Forum