Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barsiisonni Shiree-Indaasillaasee Ka Naannoo Tigraay 500 Tahan Baatiilee 17f Mindaan Nuuf  Hin Kennamne, Jechuun Hiriira Bahan


Barsiistota Shiree Indasilasee
Barsiistota Shiree Indasilasee

Bulchiinsa naannoo Tigraay magaalaa Shiree Indaasillaasee keessatti sababaa wal waraansaan kan ka’e, mindaan baatii 17 nu baafamnee gaaffii jedhu qabachuun barsiisttonni magaalatti 500 ta’an Dilbata kaleessaa hiriiranii jiru.Hiiriira kana kan qopheessees waldaa barsiisootaa magaalatti keessaa ta’uun ibsamee jira.

Barsiisttonni kun rakkoo dinagdee guddaan isaan mudachuu isaa fi mindaan isaanii hin baafamuuf taanaan, gara hojii dhaabiinsa mormiitti deemuuf kan dirqaman ta’u ibsan.

Waldaa barsiistootaa Tigraayiif itti aantuu preezidaantii kan ta’an aaddee Nigistii Gaarrad akka jedhanti, gama gaaffiin barsiiftoota kanaa kan barsiisoota bulchiinsa Tigraay keessa jiranii fi kuma 45 ta’aniiti jedhee jira.

Magaalaa Maqalee keessatti kana argaman barsiistonni dhiibbootaan lakka’aman kanneen kutaa magaalaa Haadinnat keessaa, gaaffiin isaanii deebii waan dhabeef jecha, turban dabree hojii dhaabuu isaanii kan ibsan barsiftuu Nigistiin, sadarkaa naannootti gaaffiin kun deebii hin argatuu taanaan, waldaan barsiisootaa mari’atee murtii kenna jedha.

Waajiira barnootaa kan naannoo biraa deebii argachuuf yaaliin taasisee hin milkoofne jechuun Muluugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:51 0:00
More
XS
SM
MD
LG