Xurree ittiin seenan

Breaking News

Galaana Dimaa Irratti Har’a Dooniin Biyya Noorway Dhukaasa Naannoo Hidhattota Hutiin To’atamurraa Furguggifameen Haleelamte

Misaayilli ripxe loltoota Hutii doonii alaabaa Norewy of irraa qabdu haleele

Dooniin abbaa qabeenyaa Noorweey ta’e tokko Wiixata har’a Galaana Diimaa keessatti haleellaan kan irratti raawwatame ta’u fi, qondaaltonni Yunaaytid Isteetis akka jedhanti, Yaman keessaa kan socho’uu riphxee looltoota Huutii kanneen Iraan waliin hidhata qabaniin lafa to’atame irraa haleellaan kun madde jedhan.

Haleellaan Donii M/V Swan Atlantic jedhamtu irratti raawwatame kun,erga waraanni Gaazaa keessaa jalqabee as, dooniiwwan galaanicha irra deeman irratti raawwatame keessaa isa as dhiyoo ta’u isaati.

Haaleellaa gaggeeffameef battalumatti Itti gaafatamummaa kan fudhate kan hin jirree ta’us, qondaaltonni Ameerikaa kan eenyummaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan dhaabbata oduu Rooyitarsiif akka himanitti, dooniin kun miisaa’eela tokko caalaan naannoo Huutiin to’atu irraa furguggifamaniin haleelamte.

Abbaan qabeenyaa doonii kanaa akka jedheetti, waan maalummaan isaa adda hin baafamneen rukutamtee akkasumas hojjettoota ishee keessaa tokkollee akka hin miidhamne ibseera.

Hojii gaggeessaan olaanaa abbaa qabeenyaa Inventor Chemical Tankers Oystein Elgan Rooyitarsiif akka himanitti haleellaa kanaan bootteen bishaan doonii kanaa baatu miidhameera garuu caasaan doonii kanaa hundi akka idileetti hojjechaa jira.

Opereetariin Uni-Tankers ibsa kenneen akka jedhett,i hojjettoonni doonii erga rukutamtee booda ibidda xiqqaa ka’e to’achuu isaanii ibseera. Dooniin kun zayita kuduraa irraa hojjatamee kan fe'atte yoo ta'u, gara Odoola Reunion jedhamtuutti imalaa jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG