Humnoonni Israa’eelii fi hidhattoonni Hamaas Kibxata har’aa magaalaa guddittii Gaazaa lammaffaa kana ate Kihaan Yuunis keessatti lola cimaarra kan jiran yommuu ta’u, Ministirri fayyaa Gaazaammoo Israa’eel naannoo daangaa Masirii irratti namoota nagaa irratti haleellaa xiyyaaraa raawwateetti jedhe.
Akka Ministirri fayyaa Gaazaa beeksiseetti Israa’eel halleellaa xiyyaaraan daangaa Masirii bakka Rafaahitti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 20 du’aniiru. Wal waraansi amma akka haaraatti jalqabe kun yeroo manni maree nageenyaa kan dhaabbata mootummoota gamtoomanii kibxata har’aatti Gaazaa keessatti lolli dhaabbatee lammiileen nagaa Paaleestiin nyaata, bishaanii fi dawaa barbaadniif gargaarsi akka qaqabuuf sagalee kennuuf beellama qabatee wayita jiruttidha. Sagalee kennuun mana maree nageenyaa guyyaa wiixata kaleessaa eegamaa kan ture yommuu ta’u , akka ragga’uuf deeggartoonni barreeffama murtee barbaadnirratti mariin taasifamaa ture dheereffamuu isaatiin sagaleen osoo irratti hin kennamiin hafeera. Manni maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii ji’a darbe waraanni akka dhaabbatuuf sagalee irratti kennee sababaa Yuunaayitid Isteetsiif kufaa taasifamee ture.
Ministirri humna waraa Yuunaatid Isteetsi Looyid Oostiin Wiixata kaleessaa gara Israa’eeliin wayita daawwatanitti ibsa kennaniin Hamaasiin waraanuu Israa’eel irratti Yuunaayitid Isteetsi deeggarsa Israa’eeliif taasisuuf waadaan seente dhaabbatadha jedhanii eggumsa namoota nagaa Paaleestiin keessaaf taasifamuu qaburratti garuu cimsanii dubbataniiru.
Looyid Oostiin Kibxata har’aa Mootii Baahireen Hamaad Biin Issaa Al Kaliifaa waliin Manamaa keessatti wal arguun irra deddeebbiin halleellaa Misaa’eelaa garee hidhattoota Huutisiin galaanaa diimaarratti Dooniiwwan irratti fudhatamaa jiruuf eegumsi akka taasifamuuf garee ooppireeshinii eegumsa badhaadhinaa jedhamu biyyoota biro waliin ta’uun hundeessuu isaanii ibsaniiru.
Forum