Caaseffamni mootummaa Itiyoophiyaa Itti gaafatamummaa dadhabsiisuun Yakkoonnii fi sarbaminsi mirga namoomaa akka jiraatuuf carraa uumeera jechuun gurmuun dhabbatoota mirga namoomaa Itiyoophiyaa beeksiise.
Gurmuun dhaabota mirga namoomaa Itiyoophiyaa Komishinii marii biyyaaleessaaf Ajandaawwaan ta’uu danda’u kan jedhe dhimmoota Afur irratti yaadota kennuuf isaa beeksiiseera. Daareekteerri gurmuu dhaabolii mirga
namoomaa kanneen Masuud Gabayyoo Ajaandaawaan qorannoo adda baafaman Komishinichaaf har’a kennuu himanii haalli caaseffama sirna mootummaa Itti gaafatamummaan akka laafaa ta’u taasiseera. Kunis sirna paarlaamaa hordofun biyyaattii ga’ee ol aanaa qabas jedhaniiru. Qaamoolee Mootummaa gidduutti walitti dhufeenyi dadhabaan jiraachuun Itti gaafatamummaa hir’isuun sarbaminsa mirga namoomaafis ga’ee ol aanaa ba’ateera jedhan Obbo Masuud. Akka gurmuu dhaabopota mirga namoomaa kanaatti Itiyoophiyaan sirna mootummaa Pireezidaantawwaa hordofuun akka isheef a’uu malus qorannaan keenya ni agarsiisa jedhaniiru jechuun Keneedii Abaatee Finfinneerraa gabaase.
Forum