Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Hamaas Masrii Daawwataa Jiran


Faayilii: Hoogganaa garee Hamaas Ismaa'il Haniyeeh
Faayilii: Hoogganaa garee Hamaas Ismaa'il Haniyeeh

Hoogganaan ol aanaan kan garee Hamaas Ismaa’il Haaniyeeh dhimma waraana Gaazaa keessaa angawoota Masrii waliin mari’achuuf jecha Roobii har’aa Kaayirootti argamu.

Kana dura Masriin gareen hidhattoota Hamaas kan iggitee ture namoota 100 ol gad dhiisisuu dabalatee walii galtee dhukaasa dhaabuu torbanneeniif ture jaarsummaan gidduu seenuu keessatti qooda ol aanaa qabaatteetti.

Hamaas iggitamtoota hedduu gad dhiisuu kan of keessaa qabuu fi lola haaraa dhaabuu ilaalchisee mariin geggeessamee jira garuu qaamonni wal waraanaa jiran walii galtee irra hin geenye.

Prezidaantiin Israa’el Isaak Herzoog diplomaatota sadarkaa addunyaaf Kibxata kaleessaa akka dubbatanitti Israa’el iggitamtoota itti dabalaa gad dhiisuuuf gargaarsa namoomaaf jecha yeroof lola dhaabuuf qophee dha jedhan. Itti dabaluu dhaanis Israa’el uummata Faalisxiin hin loltu, Hamaas qofa jedhan.

Roobii har’aa lolli Gaazaa keessaa itti fufee kan jiru yoo ta’u, waraanni Israa’el akka jedhetti guyyoota darban keessa mannii Hamaas 300 ol haleelee jira.

Golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa Roobii har’aa kanneen Gaazaa keessaa gargaarsi hatattamaa midhaan, bishaanii fi dawaan kan isaan barbaachisuuf haala mijeessuuf waraanni yeroof akka dhaabatu wixinee murtii gaafatu dhiyeessee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG