Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Dhimma Hidha Laga Abbayaa Marsaan Dhiyeenyaa Hin Milkoofne Jedhan Itiyoophiyaa fi Masriin


Faayilii: Marii marsaa afraffaa kan hidha laga Abbaayyaa
Faayilii: Marii marsaa afraffaa kan hidha laga Abbaayyaa

Itiyoophiyaa fi Masriin kan akkaan falmisiisaa ta’e hidha madda humna ibsaa bishaanii ilaalchisuun mariin marsaa boodanaa geggeessan walii galtee irra utuu hin ga’amin hafuu isaa beeksisan. Finfinnee keessatti mariin guyyoota sadiif geggeessamaa ture Kibxata erga xumuramee booda biyyoonni lamaan walii walii isaanii himatan.

Ministeerri Qabeenya Bishaanii fi Jallisii Masrii mariin kun kan hin milkoofne Itiyoophiyaan araarama kamiyyuu fudhachuuf “itti fufiinsaan diduu isheeti” jedhan. Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Masriin marii kana keessatti walii galtee kami irra iyyuu akka hin ga’amne daandee cufte jechuun himatan. Sudaanis qaama marii kanaa turte.

Itiyoophiyaan bara 2011 keessa ijaaruu kan jalqabde kan doolaara Biliyoona 4tti hedhamu hidha laga Abbayyaa ilaalchisee biyyoonni kun waggootaaf walii galtee irra ga’uuf yaalaa turan. Hidhi sun naannoo daangaa Sudaani laga Biluu Naayil irratti kan argamu yoo ta’u Masriin yoo Itiyoophiyaan kana yaada keessa galchiste malee qabeenya bishaan ishee irra miidhaa guddaatu ga’uu danda’a yaaddoo jedhu qabdi.

Blue Nile Nile Adii waliin Kaartuum irratti wal arguu dhaan gara Masriitti dhangala’a. Masriin akka jettetti adeemsa hidhi sun bishaaniin guutuu itti dhiyeenyaan kan hordoftuuf qabeenya bishaanii isheef eegumsa gochuuf mirga qaba jette. Ministeerri qabeenya bishaanii fi jal’isii Masrii ibsa baaseen, akka walii galtee sadarkaa addunyaatti Masriin qabeenya bishaanii fi nageenya biyyoolessaa ishee eeguuf mirgi ishee eegamaa dha jedhee jira.

Prezidaantiin Masrii Abdulfattaah Alsiisii fi muummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimed baatilee afur keessatti hidha falmisiisaa ta’e kana ilaalchisuun walii galtee irra ga’uuf karoora qabaachuu isaanii baatii Adoolessa keessa dubbatanii turan. Baatii Fulbaanaa keessa biyyoota sadan gidduutti mariin marsaa ka biroo geggeessames hin milkaa’in hafe.

Hidhi laga Abbayyaa waggaa darbe humna ibsaa maddisiisuu jalqabuu isaa fi Itiyoophiyaan akka jettetti marsaa xumuraa hidha sana bishaaniin guutuun baatii Fulbaanaa keessa ta’a jettee turte. Projektiin sun humna ibsaa megawaatii 6,000 maddisiisa jedhamee kan eegamu yoo ta’u, kunis kan yeroo ammaa Itiyoophiyaan qabdu dacha kan dabaluu fi biyyattiin gaanfa Afriikaa energy gara biyyootii ka birootti gurguruuf ga’aa dha jedha oduun AP fi Rooyiters irra argame kun.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG