Baankiin misooma Afriikaa humnootii naga eegumsa mootummaatiin hojjettoota isaa irratti haleellaa raawwatametti aansee hojjettoonni isaaa kan sadarkaa addunyaa Itiyoophiyaa keessaa akka baasu maddeen lama murtoo kana keessa beekan Kibxata kaleessaa Rooyitersiif ibsaniiru.
Baankiin Misooma Afriikaa baatii darbe mul’inatti komii isaa angawoota Itiyoophiyaatti kan dhiyeesse yoo ta’u, Onkoloolessa 31 hojjettoota isaa lama irra haleellaan qaamaa irra ga’eef sa’aatilee hedduuf to’annaa jala ooluun balaa diplomaasummaa hamaa dha jedhee jira.
Maddeen lamaan hojjettoonni Itiyoophiyaa keessaa yoom akka ba’an yeroo isaa hin beekin jiru. Akkasumas baankiin misooma Afriikaa hojii inni Itiyoophiyaa keessaa qabu hagam akka miidhu ragaa ibsus hin kennine. Marsariitii baankichaa irratti akka ibsametti walumaa gala Itiyoophiyaa keessaa projektii doolaara miliyoona $380tti tilmaamamu qaba.
Dubbi himaan baankii misooma Afriikaa hojjettoonni sun gamasii baasamuu ilaalchisee yaada akka kennaniif gaaffii dhiyaateef battala deebii hin kennine.
Komee sirnaa ennaa dhiyeessetti, angawoonni Itiyoophiyaa qorannaa geggeessuuf waadaa seenanii akka turan kan ibse yoo ta’u, ministriin dhimma maallaqa kan Itiyoophiyaa Iyyoob Tekkaaliny mootummaan isaanii gocha raawwatametti gaddeera jedhan jechuu dhaan baankiin misooma Afriikaa ibsuu isaa Rooyiters gabaaseera.
Forum