Xurree ittiin seenan

Breaking News

Goojjam Dhiyaa Keessatti Lolli Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Hidhattoota Faannoo Gidduu Itti Fufuun Gabaasame


NAANNOO AMAARAA
NAANNOO AMAARAA

Naannoo Goojjam dhiyaa naannoo Feres Bet jedhamu keessatti lola guyyoota sadiif geggeeffameen lubbuun namoota nagaa darbuu jiraattonni dubbataniiru. Kanneen yaada kennan lola hanga guyyaa har’aatti ka ture lola raayyaa ittisa biyyaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti geggeessameen dubartootaa fi daa’imman irra miidhaan ga’uu isaa ibsaniiru.

Daa’imni waggaa lamaa tokko mana meeshaa guddaa dhaan rukutamee diigame jalaa lubbuun argamuu illee jiraattonni kun dubbataniiru. Walitti dhukaasuu kanaan miidhaan irra ga’aa jiraachuu kan dubbatan namoonni yaada kennan kun waamichi nagaa fi mariin araaraa inni dhugaa ta’e akka jiraatu gaafataniiru.

Hoii barbaachuu irratti bobba’ee kan jiru namni maqaan isaa akka hin tuqamne gaafate tokko Wixata darbee qabee magaalaa Feres Bet fi naannoo isaatti dhukaasi meeshaa gurguddaa raayyaa ittisa biyyaa fi hidhattoota Faannoon geggeessamuu isaaf kanaanis namaa fi qabeenyaa irra miidhaan ga’eera jedhe.

Muddee 1 bara 2016 akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti televiiziyoona Faanaaf ibsa kan kenna ministriin ittisa biyyaa Itiyoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, walitti bu’iinsa biyya keessaa irratti diroonii dabalatee raayyaan ittisa biyyaa meeshaa gurguddaa fayyadamuu akka itti fufu dubbatanii, namoota nagaa irra garuu miidhaan akka hin geenye yaaliin ni taasisama jedhanii turan.

Komiishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa baatii Onkoloolessaa keessa barruu maxxanseen illee daa’imman dabalatee namoonni nagaa hedduun diroonii fi meeshaa gurguddaa dhaan ajjeefamuu beeksisee ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG