Xurree ittiin seenan

Breaking News

Caaseffama Mootummaa Ka Sirna Paarlaamaa Moo Ka Sirna Prezidaantummaatu Caalaatti Uummata Itiyoophiyaa Fayyada?


Caaseffama Mootummaa Ka Sirna Paarlaamaa Moo Ka Sirna Prezidaantummaatu Caalaatti Uummata Itiyoophiyaa Fayyada?
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:57 0:00

Caaseffama Mootummaa Ka Sirna Paarlaamaa Moo Ka Sirna Prezidaantummaatu Caalaatti Uummata Itiyoophiyaa Fayyada?

Itiyoophiyaa keessatti rakkoowwan gama Siyaasaa fi kanneen biroon yeroo dheeraaf turanii fi ammallee jiranitti furmaata tolchuuf, Komishiniin Marii Biyyaaleessaa Itiyioophiyaa hundeessamee akka hojiitti jiru yeroo adda addaatti ibsamee jira. Gurmuun dhaabbatoota miti-mootummaa dhimmi mirga namoomaa irratti hojjetanii ajandaalee marii biyyaaleessaa kana keessa galuu qabu jedhu Kuumishinichaatti galchee jira.

Ajandaalee gurmuun kun galche keessaa tokko rakkoo mirga namoomaa Itiyoophiyaa keessaatiif furmaata fidhuudhaaf caaseeffamni Mootummaa sirna Paarlaamaarraa gara sirna Pireezidaantummaatti akka jijjiiramuu qabuu fi dhimma kana akka ajandaatti mariif akka dhiyaatu kan gaafatu, Dhimma kana irratti Koomishina Mirga Namoomaa kutaa Ohaayoo irraa ogeessa mirga namaa fi siyaasaa, Dr. Bayaan Asoobaa dubbisnee jirra.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG