Naannoo Amaraa godinaa Goojjam dhihaa anaa Dagaa Daamot bakka Feresbeet jedhamee beekamutti guyyoottan Shanan darbaniif lola umnoottan mootummaa fi hidhatootaa Faannoo giduutti taasifamaa jiruun namoonni nagan qe’ee isaanii irraa buqqa’anii baqachaa akka jiran ibsameera.
Jiraatonni bakka lolli kun itti taasifamaa jirutti argaman akka sagalee Amerikaatti himanitti Roobii kaleesaa galgala haleellaa xiyyaara nam-maleetin raawwatameen lubbuun namoottanii darbuu isaa fi kanneen madaa’anis jiraachuun isanii beekameera.
Lola guyyaa har’aa itti fufee jiruufi dirooniiwwanii fi meeshaaleen waraanaa gurgudoon irratti hirmaachaa jiran kanaan kan ka’ee namoonii mana isaanii gaddi lakkisanii garaa bosonaatti baqachaa jiraachun isaanii gabbasameera.
Haleellaa dirooniidhaan raawwatamaa jiru ilaalchisuudhaan dhiheenya kana dhaabbata oduu biyya keesaa irratti ibsa kan kennan ajajaan ajajootaa waraana Ityoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Jula waraanni mootummaa lola hidhatootaa wajjin taasisaa jiruu irratti diroonii fayyadamaa akka jiruu ibsuun isaanii ni beekama.
Magaalli Feresbeet yeroo ammaa too’annoo garee faannoo jala waan jiruuf wa’ee kana irratti hoggantootaa anichaa irraa odeeffannoo argachuun akka hin danda’amne, akkasumas biiroo dhimma kominikeshinii naannoo Amaraa irraa ibsa argaachuudhaaf yaaliin taasifame akka hin milkoofne Mesfin Araagee Sagalee Ameerikaatiif gabaasee jira.
Forum