Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sagantaan Nyaata Addunyaa Sudaan Keessatti Gargaarsa  Kennu Yeroof Addaan Kutuu Beeksise 


WFP
WFP

Sagantaan nyaata Adduunyaa gargaarsaa isaa kan addaan kute kutaa biyyaa Sudaan Jaazeera jedhamu keessatti yemuu ta’u, sababnii isaas gareewwan Sudaan keessatti wal lolaa jiraan keessaa tokko kan ta’ee gareen dafee qaqqabaa magaala kutaa kana keessatti argamuufi WAAD MEDAANII jedhamee beekamuu erga too’atee booda akka ta’e gabaasameera.

Itti gaafatamaan sagantaa nyaata adduunyaa Eddie Rooweee akka jedhaniiti, gargaarsichii kan addaan citee nageenyaa hojjaattootaa gargaarsa namoomaatiif jecha.

Bakkii magaala Kaartuum irraa gara kibba bahaatti argamuu Waad Medaanii gargaarsaa namoomaa kutaa gara Sanaa keesatti taasifamuuf handhuuraa akka ta’ee kan ibsee dhaabbanni mootumoota gamtoomanii inni biroofi kan dhimma ijoollewwanii irratti hojjatu UNICEF kamisa har’aa akka ibsetti sababa walitti bu’insa kanaatiin kan ka’e ijoollewwan kuma 100 fi kumna 50 manaa isaanii keesaa bahanii baqachuu isaanii beeksiseera.

Walwaraanii akka haarratti jalqabamee yeroo amma itti fufee jiru jireenyii ijoolleewwan Sudaan Miiliyoonatti lakkaawaman yaaddoo keessa akka seenu taasisuu isaa daarekteerri UNICEF Kaatriin Raasee ibsuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG