Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Xayyaaraa Israa'el Gaazaa  Kibbaa Keessatti Namoota Afur Ajjeesuu Dubbata Hamaas


FAAYILII: Lola Israa'elee fi Hamaas
FAAYILII: Lola Israa'elee fi Hamaas

Waraanni Israa’eel kamisaa har’aa haleellaa xiyyaaraa taasiseen kiibba Gaazaa keessatti haanga’a daangaa KEERIIM SHAALOM jedhamuu dabalatee namoottan Afur ajjeesuu isaa gareen Hamaas ibsee jira.

Maddii oduu Rooyiters kan waabeffate dubbi himaan waraana israa’el waa’ee haleellaa kanaa fi namoottan ajjeefamaniiru jedhame akka quba hin qabne himanii jiru.

Haata’uu malaa waraanni Israa’eel karaa biraatiin Kamisaa har’aa akka ibsetti Gaazaa keessatti bakkaawwan 230 irratti haleellaa raawachuu isaa beeksiseera.

Karaa biraatiin, dhukaasinni waraana israa’elii fi Hamaas guduutti taasifaama jiru dhaabbatee akka haalli gargaarsa namoomaa mijatuu sagalee kenuudhaaf magaala Niwu Yoork keessatti kan walga’ii taa’ee jiru manii maree nageenyaa dhaabata mootumoota gamtoomanii guyyaa murtoo dabarsuuf yaade yeroo biraatti dabarsuun isaa beekameera.

Kamisa har’aa murtichii kan yeroo biraatti dabarfame, dhimichaa irratti akkaataa dipiloomatonni itti haasa’anuu fi haala dhimmichii akka fudhatama hin arganne taasisu xiqeesuudhaaf akka ta’e ibsameera.

Muddee 8 dhimmaa walfakkataa irratti walgahiin waamame Yunaayitis Isteets waan mormiteef murtoo irra gahamuun akka hin danda’amne ni yaadatama.

Dhaabbata mootumootaa gamtoomanitti jaarmiyaan qindeessa gargaarsaa namoomaa dhaabbta mootumoota gamtoomanii OCHAn tajaajillii bilbilaa gaazaa keessatti addaan cituun isaa raabsa gargaarsaa namoomaa irratti gufuu ta’uu isaa beekisisee jira.

Lola Onkoloolesa 7 jalqabamee kanaan amma ammatti lammileen Paalastaayin kuma 20 ta’an waraana Iesraa’eliin ajjeefamuu isaanii Hammas kan ibsaa jiru yemuu ta’e, Israa’eel gamma isheetiin loltoonni ishee 134 ta’an amma ammati ajeefamuu isaanii ibsitee amma gareen Hamaas badutti lola akka itti fuftu ibsaa jiraachuun ishee ni beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG