Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaalee Guraagee Keessatti Namoonni Lama Ajjeefamuunii fi Kanneen 70 Tahan Hidhamuun Himame


Godina Guraagee
Godina Guraagee

Bulchiinsa Itiyoophiyaa gidduu galeessaa godinaalee Guraagee keessatti haleellaa itti fufee jiruun, namoonni lama ajjeefamuu akkasumas baatii Onkoolooleessa dabree kaasee namoonni 70 seeraan ala hidhamuu paartiin Goggoot Le guraagee Fitiih jedhamuu fi Andnet paartiin ibsa kaleessa baasaniin beeksisanii jiru.

Dura ta’an paartichaa Obbo Mohammad akka jedhanti, godiinaalee Guraagee lamaan keessatti ajjeechaa dhaabsisuun hin danda’amne akkasumas, dhiittaa mirga namoomaa dhaqqabaa jiru, sadarkaa yaaddeessaa irra ga’eera jedhan.Kunis bulchiinsa koomaad Postii yeroo dheereeffatee waggaa sadiif tureetu sababaa dha jedhameera.

Garu prezidaantii bulchiinsa naannoo Itiyoophiyaa waaltaa kan ta’an Obbo Indaashaaw Xaaseew , naannoo sana keessatti namoonni 276 to’annaa seeraa jala akka oolan adda baafamuu isaanii fi tokko tokko immo hidhamuu ibsan jechuun gaabaasuun keenya ni yaadatama.

Paartichaaf miseensa koree hojii raawwachiiftu kan ta’an Obbo Masfin Abarraa Muddee 8 bara 2016 halkan mana isaanii keessaa ukkaamfamanii fudhataman jedhu

Namoonni nagaa ajjeefamuu fi akka fedhanti nama hidhuu ilaalchisee deebii fi yaada aangawoota godinaa argachuuf yaaliin ta’e bilbiila isaanii kaasuuf fedhii Dhaba irraa hin milkoofne jechuun Yonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irraa gabaasee jira.

.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG