Golli naga eegumsaa kan Tokkummaa mootummootaa Kamiisa kaleessaa murtee 2719 jedhamu, maallaqa Hojii Deeggarsa Nagaa Gamtaa Afrikaatiin hogganamu,akkasumas Gaaboon, Gaanaa fi Mozaambiik barreeffamee dhiyaate irratti sagalee guutuun raggaasiseera.
Sagalee kennameen booda kan dubbatan Ambaasaaddarri Gaaboon Misheel Xaaviyaar Biyaang, “Yeroo golli naga eegumsaa kun waamicha isaa kan akka har’aa dhiyeessu ittiisa barbaachisuu itti tolchee wal waraansa kan facciisuu ta’u agarsiisa. Dhaloota dhufuuf abdii deebisee jiraachisa jedhan”
Akkasumas, Ambaasaaddarri Moozaambiik Peedroo Koomiisariyoo Afoonsoo haasawa taasisaniin, “murtoon bu’uuraa amma fudhatame, yaaddoo Afrikaa waggoota dheeraaf hin xumuramne haftee furuun kaayyoo keenyaaf hiika ta’a jedhan.”
Itti fufees, “hundeen isaa qormaata nageenyaa ardii Afrikaa keessatti guddachaa fi baballachaa jiruuf deebii sirrii kennuu barbaachisaa ta’uu isaati, qormaata waldhabdee, fincila, shororkeessummaa Afrikaa keessatti tarkaanfataa fi gareewwan hidhattoota gara jabeeyyii ta’an baay’achuu of keessaa qaba jedhan.
Dippilomaatiin Ameerikaa Roobart A. Wuud gama isaatiin, “yeroo gara fuulduraa ilaallu, yeroo xiqqoo fudhannee wantoota ijoo fi muraasa irratti murtii kanaa ibsuu barbaanne jedhan.
Forum