Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lolli Israa'el fi Hamaas Yeroo Daran Jabaatee Jiruutti Gaazaa Keessatti Beelli Babal'atee Jira


ISRAEL-PALESTINIANS/GAZA-HUNGER
ISRAEL-PALESTINIANS/GAZA-HUNGER

Humnoonni Israa’el Jimaata har’a Gaazaa keessatti haleellaa isaanii bal’isaniiru.Kunis yeroo tattaaffiin idil-addunyaa dhukaasa dhaabuuf gidduu seenuuf taasifamu itti fufee fi rakkoon gargaarsa namoomaa naannoo sanatti hammaate tti.

Jiraattonni akka jedhanti Gaazaa gama Kaabaa keessatti dhukaasa cimaa fi haleellaa samii irraa gaggeeffamu gabaasan. Khan Younis fi Rafah keessattis haleellaan qilleensa irraa gaggeeffamuun gabaafameera.

Waraanni Israa’el jiraattonni al-Bureij fi hawaasa naannoo ishee akkasumas Gaazaa giddugaleessa keessaa, hatattamaan gara kibbaatti akka socho’an ajaje, kunis haleellaan lafaa naannoo sanatti raawwatamuu akka danda’u agarsiisa.

Haleellaa shororkeessummaa Hamaas Israa’el keessatti Onkoloolessa 7 raawwatameen namoota gara 1,200 galaafate hordofuun erga Israa’el Gaazaa irratti haleellaa raawwattee booda yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin yoo xiqqaate kuma 20 ajjeefamaniiru jedha Ministeerri Fayyaa Gaazaa kan Haamaasiin gaggeeffamu.

Ergasii as lammiileen Falasxiin gara miliyoona 2 ta’an Israa’eliin qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Ministeerri fayyaa Gaazaa akka gabaasetti guyyoota lamaan darban keessatti lammiileen Falasxiin 390 ajjeefamaniiru.

Haleellaan Israa’el itti fufee jiru kun yeroo yaaliin gama dippilomaasii Gaazaa keessatti lola akka dhaabbatu gochuuf carraaaqamaa jiruutti. Sagaleen gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummoota haalawwan dhukaasa dhaabuu fi haal-duree kenniinsa gargaarsaa namoomaa ilaalachisee wixinee Yunaayitid Arab Emireetiin dhiyaate kan silaa Wiixata dabree kaasee harkifataa jiru Jimaata har’a ni fudhatama jedhamee eegama ture.

Haa ta’u malee, Tokkummaa Mootummootaatti Ambaasaaddarri Yunaaytid Isteetis Linda Thomas-Greenfield Kamisa kaleessaagalgala akka jedhanitti, U.S. murtii fooyya’e kana deeggaruuf sagalee kennuuf qophii ta’uu ibsaniiru.Kunis ''Murtee namoota rakkataniif gargaarsa namoomaa fidudha,'' jetteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG