Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaa Hadiyyaa Keessatti Miindaan Hojjetootaa Yeroo Dheeraaf Baasamuu Dhabuun Hospitaalaa Tajaajilawwan Fayyaa Hedduu Cufsiise 


HADIYAA
HADIYAA

Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Gabaasa guyyaa kaleessaa baaseen naannoolee haaraa Gidduu galeessa Itiyoophiyaa fi Kibba Itiyoophiyaa keessatti Keessumaa Godina Hadiyyaatti Poolisii, Manneen Murtii fi waajjira Abbaa Alangaarraa kan hafe ji’a Hagayyaa bara 2015 irraa kaasee hanga ji’a darbeetti miindaan hojjettoota mootummaa akka hin kaffalamiin jiru qulqulleeffadheera jedhe.

Hojjeettoonni mootummaa Miindaan irraa dhaabbateeru rakkoo hawwaasummaa, diinagde fi xiinsammuuf saaxilamaniiru jedhan Dr. Biraayiitiman Gebiremikaa’eel Komishinii mirga namoomaa Itiyoophiyaatti Daarikeetteerri mirgootra hawwaasummaa fi Diinagdee.

Akka gabaasa Komishinichaatti Miindaan dhaabbachuu isaarraa kan ka’e barattoonni kuma 100 ol ta’an manneen barnootaan ala akka jiranii fi Hospitaalli 1 fi buufataleen fayyaa 10 akkasumas keellaawwan fayyaa 49 aanaalee Baadiwaachii Bhaa fi lixaa keessatti cufamuun tajaajjilli addaan cituus eereera.

Dhimma kanarratti hooggantoota Godina Hadiyaa akkasumsa bulchiinsa naannoo gidduu galeessa Itiyoophiyaarraa deebii argachuuf yaaliin Sagaleen Ameerikaa taasise hin milkoofne. Haa ta’u malee kanaan dura bilbilaan hooggantoonni naannoolee kunneen rakkichi jiraachuu sagalee Ameerikaatti himuu isaanii gabaasaa turuun keenya ni yaadatama. Gabaasni Hawaasaarraa Kan Yoonaattan Zabdiyoosi.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG