Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Tigraay Beela Hamaa Naannicha Mudateef Deebii Kennuurraa Walga'ii Irratti Yeroo Dheeraa Gubu, Jechuun Mormitoonni Komatan 


Magaalaa Maqalee
Magaalaa Maqalee

Paartii Areenaa Tigiraay, Baayitoonaa, Saalsaay Wayyaanee Tigiraay fi Wuddib Tsinaat ibsa waloon kennaniin bulchiinsi mootummaa Yeroo ji’a guutuu wal ga’iirra waan jiraaniif beelli Tigiraay keessatti mudatee jiru xiyyeeffannoo dhabeera. Waajjiraaleen mootummaa hedduunis sababaa wal ga’ii kanaan cufaa waan ta’aniif tajaajiloota argachuunis rakkisaa ta’eera jedhan.

Hawwaasni Idil Addunyaas beela naannoo Tigiraay keessatti uumammee jiruuf xiyyeeffannoo akka kennuuf waamicha dhiyyeessaniiru. Dhimma kanarratti deebii akka kennaniif kan gaafataman Itti gaafatamaan Komishinii Sodaa balaa bulchiinsa mootummaa yeroo Tigiraay Doktor Gebirehiyiwoot , bulchiinsi mootummaa yeroo kan naannichaa beela mudatee jirutti furmaata taasisuuf koree paartileen mormitootaa keessatti filataman waliin ta’uun xiyyeffannoo isaa tokkoffaa godhatee hojjeeta jira jedhaniiru jechuun Maqalee irraa Muluugeetaa Atsibahaatu gaabase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG