Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abuunni Kaatolikii Roomaa Poop Fraansis Guyya Dhalata Kiristoos Ilaachisee Dhaamsa Dabarsaniin Lolli Akka Dhaabatu Waamicha Dhiheessan  


Pope Francis leads the Angelus prayer from his window, in St. Peter's Square at the Vatican, Dec. 24, 2023.
Pope Francis leads the Angelus prayer from his window, in St. Peter's Square at the Vatican, Dec. 24, 2023.

Hoogganaan Kaatoolikii Roomaa Pooppi Firansiis Wiixata har’aa ergaa Ayyaana Kirismasii ykn Dhaloota Yeesuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa dabarsaniin daa’imman waraana keessatti du’aa jiran Gaazaa dabalatee Yesuus xiqqaa har’aa ta’uu ibsuun halleellaan Israa’eelin namoota nagaa qulqulluu irratti raawwataa jiru suukkaneessaadha jedhan. Poop Firaansiis itti dabaluunis haleellaan gaafa Onkolooleessa 7 humnoota Hamaasiin raawwate gochaa Jibbisisoo jechuun namoonni gara 100 ta’an kanneen ammallee Gaazaa keessatti Ukkaamfamanii jiran akka gadhiifaman gaafataniiru.

Poopi Firaansiis erga gara hooganaa Kaatoolikii Roomaa ta’nii yeroo 11ffaaf Ayyaana Kiriismasii kabajaa kan jiran Kaanneen meeshaa waraanaa Ooomishan ololtoonni waraanaa gochaa isaaniirra akka dhaabbachuu qabanii fi Walitti bu’insoonni Hawwaasummaa, Siyaasaa fi humna waraanaa biyyoota akka Yuukireen, Siiriyaa, Yemen, Liibaanoon, Armeeniyaa fi Azeerbaajaan keessaa xumura akka argatu, akkasumas mirgi baqattootaa guutummaa Addunyaarra jiranii akka kabajamuuf waamicha dhiyyeessaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG