Xurree ittiin seenan

Breaking News

Masiriin Waraanni Gaazaa Keessaa Akka Dhaabbatuuf Yaada Furmaataa Haaraa Qopheessite, Jedhame


EGYPT-US-ISRAEL-PALESTINIAN-CONFLICT-DIPLOMACY
EGYPT-US-ISRAEL-PALESTINIAN-CONFLICT-DIPLOMACY

Wal waraansa Gaazaa keessatti Israa’eelii fi Hamaas gidduutti taasifamutti xumura taasiisuuf Masiriin yaada furmaataa guddaa qabattee dhufteetti jedhan Qondaalli olaanaan biyattii tokkoo fi Dippiloomaatiin Awurooppaa tokko. Kunis Weestibaank dabalatee Gaazaan garee bulchiinsa Ogeessotaa Paalestiiniin akka bultu kan jedhudha jedhaniiru.

Angawaan Masirii kun Wiixata kana akka beeksiisanitti waraanni garee lamaan gidduu akka dhaabbatu waamicha dhiyyeessuu, Namoonni to’annoo jala jiran dabareedhaan akka gadhifaman fi bulchiinsi Gaazaa garee Ogeessotaa Paaleestiinitti akka kennamu taasiisuu kan jedhudha. Karoorri kun Qataar waliin kan hojjetamee fi Israa’eel, Hamaas, Yuunaayitid Isteetsii fi Mootummoota Awurooppaaf dhiyyaachuuf kan jiru yommuu hanga ammaatti garuu yaadoota waraanichi akka dhaabbatuuf dhiyaatan keessaa kan dursi kennamuufis jedhameera. Kunis galma Israa’eel isa Hamaas balleessuu irraa gadi kan bu’u, garuummoo waraanaan booda to’annoo Gaazaaf Israa’eel isa waraanaan eeguuf fedhii qabdu kan hin guutne fakkaata.

Gareen Kaabiinee Israa’eel kan Waraana kana hoogganaa jiran Ministira Muummee Israa’eel Beenjaamiin Neetaanyahuu dabalatee Wiixata kanaan booda dhimmoota waraanichaa, haala namoota Ukkuumafamanii irraatti ni maari’atu jedhaniiru anagawaan Israa’eel tokko jedha gabaasni Assooshiyeetid Pirees, Garuummoo yaada Furmaataa waraana dhaabuuf karaa Masirii dhiyaate kanarratti marii’achuuf dhiisuu isaanii irratti waanti jedhan hin jiru.

Yaadni Furmaataa amma Kaa’ameera jedhamu kun dhaga’ame waraanni Gaazaa keessaa akka haaraatti guyyoota Sadan darban kanatti dhiiga hedduu erga dhangaaleeseen boda. Humnoonni Israa’eel Gaazaa gama Kaabaa fi Kibbaatti humna qilleensarraan lammilee Paalesstinootaa kurnootaan lakkaa’aman erga ajjeeseefi loltoonni 17 waraana kana irratti erga du’aniin boodas jedhameera.

Waraanni Israa’eelii fi Hamaas Gaazaa akka malee kan miidhee fi lammiileen Paaleestiin 20,400 yommuu du’an kannee baay’inni isaanii Miiliyoona 2.3 ta’animmoo qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG