Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Dhala Doolaara Miliyoona 33 Liqeessitoota Isheetiif Har’a Baasuun Irra Ture Otuu Hin Baasiin Hafte


FILE PHOTO: A general view shows the cityscape of Ethiopia's capital Addis Ababa
FILE PHOTO: A general view shows the cityscape of Ethiopia's capital Addis Ababa

Itiyoophiyaan dhala liqaa liqeessitoonni ishee har’atti irraa eegan doolaara Miliyoona 33 baasuu hanqachuu isheetiif, waggota hedduu keessatti biyya Afrikaa liqaa yeroon baasuu hanqatte ishee sadaffaa taahee jirti.

Maddi oduu Rooyiters akka gabaasetti kan Afrikaa keessatti, baay’ina uummataatiin lammaffaa taate – Itiyoophiyaan, sababaa dhukkuba daddarbaa KOVID 19 fi wal-waraansa waggoota lamaaf, Kaaba biyyattii keessatti geggeessamaa turee, Sadaasa bara 2022 xumurameen dhiibbaa dinagdeef ka saaxilamteyoo tahu, jalqaba baatii kanaa irra baasii liqaa sana yeroo isaatti baasuu akka hin danda’iin sirnaan beeksiste.

Boondii Doolaara Biliyoona tokkoo keessaa, Doolaara Miliyoona 33 silaa Mudde 11 bara 2023 ka baasuun irra ture tahus, yeroon dhiifamaa yokaan “Grace Period” jedhamu guyyaan 14 waliigaltee liqaa sana keessatti tumamee jiru yoo itti dabalamu, hanga har’aatti kaffaluu dandeessi turte.

Garuu, maddeen liqeessitootatti dhiheenya qaban akka jedhanitti, hanga Jimaata dabree – jechuun Mudde 22tti dhalli liqaa Itiyoophiyaan baste hin jiru.

Ministarri Maallaqaa Itiyoophiyaa Jimaata dabre ibsa kenneen, “Kuuppoonii liqaa baatii Muddee keessa ka “EUROBOND” f baasamuun irra ture, baasuu dhiisuun isaa, liqeessitoota alaa hunda wal-qixxeesstti qabachuufii” jedhe. Kanas yeroo ibsu, yoo liqeessitoota alaa tokkoo fi baasee kaaniif baasuu dhiise, dhimma liqii baasuu irratti marii qaamota liqeessitootaa kaan waliin geggeessaa jiru akka jalaa fashalsiisu dubbate – Ministarichi.

Itiyoophiyaan idaa liqaa baasuu irraa boqonnaa fudhachuuf ka yeroo dhuraatiif gaaffii dhiheessite, Saganta Gurmuu Biyyootaa G-20 jedhamuun hoogganamu jalatti, jalqaba bara 2021 ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG