Muummichi-ministaraa Isiraa’el, Benjaamiin Negaanyaahuu, Isiraa’el kaayyoo ishee hanga fiixaan baafattutti waraana Hamaas irratti geggeessitu akka hin dhaabne eega dhaadatanii booda, humnoonni Isiraa’el har’a Galoo Gaazaa keessatti bakkawwan hedduutti haleellaa geggessanii jiran.
Ujummoolee fi bakkawwan lafa jalaa gareen Hamaas itti fayyadamee Isiraa’eliin haleelu dabalatee, bakkawwan dhibba tokkoo ol irratti haleellaa geggeessuu isaa dubbata – humni waraanaa Isiraa’el.
Benjaamiin Netaanyaahuu kaleessa paartii isaanii, “Likud Party” jedhamuuf ibsa kennaniin, “Namoota gurmuu Hamaasiin butamanii haga ammaatti otuu gad hin lakkisamiin jiran gad-dhiisuun kan danda’amu dhiibbaa waraanaa itti cimsuudaani. Guyyoota dhufan keessa haleellaa keenya daran cimsinee itti fufna,” jedhan.
Gaazzexaa “The Wall Steet Journal” jedhamu irratti ibsa kennan keessattis, ejjennoo mootummaa isaanii duraanii, kan “Hamaas barbadeessamuu qaba. Gaazaan waraansa irraa walaba tahuu qabdi. Hawaasni Falasxiinotaa fiinxaalessummaa irraa qulqulleessamuu qaba,” jedhu sana irra deebi’anii dubbatan.
Haleellaaleen Israa’el humna qilleensaa fi lafootiin haga ammaatti geggeessite lafa Gaazaa irra jireessa mancaasee, lammiilee falasxiinotaa kuma digdamaa fi dhibba jaha ajjeese – jedha – Ministirin Fayyaa Gaazaa. Sababaa haleellaa kanaatiin namoonni miliyoona lamaa fi kuma dhibba sadii tahan manaa fi qhee ofii irraa buqqa’anii, irra-caalaan bakka balaa sana jalaa itti bahan barbaadaa jirus – jedhamee jira.
Forum