Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shawaa Roobiit Keessatti Jimaataa fi Sambata Dhukaasi Jiraachuu Jiraattonni Dubbatan


Naannoo Shawaa Roobit
Naannoo Shawaa Roobit

Loltoota raayyaa ittisa biyyaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti Jimaataa fi Sambata darbe walitti dhukaasuu meeshaa gurguddaatu ture jechuun kanneen ijaan argine jedhan keessaa Shawaa Roobiit keessa kan jiraatan dhalataan Affaar tokko VOAf ibsaniiru.

Namoonni ajjeefamanis reeffi isaanii utuu hin kaafamin turuu isaanii fi nageenya isaaniif sodaachuu dhaan maqaan isaanii akka hin tuqamne kan gaafatan jiraataan Shawaa Roobiit ka biroon ibsaniiru. Lola obbolaa ti jechuun mormii isaanii kan dhiyeessan namni biroon illee mootummaan Furmaata akka barbaadu gaafataniiru.

Hojjetaan egumsa fayyaa Shawaa Roobiit tokko akka jedhanitti dhukaasa sanaan miidhaan irra ga’ee yaalamee kan deebi’e nama tokko irraan kan hafe wal’aansaaf namni dhufe ka biroon hin jiru jedhan.

Itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii godina Shawaa Kaabaa wal ga’ii irra jiraachuu isaanii himanii ragaa utuu hin kenning yoo hafan, kantiibaa magaalattii argachuuf yaaliinb ta’es hin milkoofne.

Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa, gabaasa gamaaggama baatilee shanii naannoo amaaraa kan kutaa yeroo muddamaa irratti hundaa’uun akka jedhetti "nagaan naannicha keessatti mul'achaa waan jiruuf sochiiwwan diinagdee, hawaasummaa fi misoomaa dabalatee dhaabbilee tajaajila kennan, hojii jalqabaniiru” ka jedhame tuqee jira.

Sababaa dhukaasa Shawaa Roobiitiin kan ka’e Tajaajilli geejjiba uummataa Dasee irraa gara Finfinnee dhaquu fi deebi’u adda citee ture. Yeroo ammaa mgaalattiin tasgabbaa’uu ishee fi tajaajila baankii dabalatee sochiiwwan idilee itti fufuun ibsamus jiraattonni amma iyyuu yaaddoo akka qaban ibsaniiru jechuun Mesfin Araagee gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG