Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa’el Hojjeettoota Tokkummaa Mootummootaaf Battala Viisaa Kennuu Dhaabde


FAAYILII: Dubbi himaa mootummaa Israa'el Eeyloon Leevii
FAAYILII: Dubbi himaa mootummaa Israa'el Eeyloon Leevii

Israa’el Tokkummaan Mootummootaa tooftaa Hamaas itti gargaaramuun wal ta’e jechuun himattee, kana booda hojjettoota dhaabbatichaaf akka gaafatameen battala Viizaa kennuu dhaabuu kibxata kaleessa beeksiste.

Tarkaanfiin kun yeroo dheeraa dhaa qabee Israa’el kallattii fi karaa haqa hin qabaannee fi madaala isaa hin eegneen qeeqi hin taane natti darbatama jechuun kan himatte Tokkummaa Mootummootaa fi Israa’el gidduu waldhabdee jiru akka hammeessu mul’isa.

Dubbi himaa mootummaa Israa’el kan ta’an Eeyloon Leevii akka jedhaniti, Israa’el gaaffii viizaa hojjettoota Tookkummaa Motummootaa biraa dhiyaatu akkuma dhufetti battala simachuu irra akka dhimma isaatti kan keessummeessitu ta’a.

Dubbi himaan kun, “Hosptaala irraa socho’uu dhaan lola geggeessuu, Gaazaa keessaa gargaarsa siivilotaaf yaadame saamu” kan ittiin jedhan hidhattoota balaaleffachuu hin dandeenye kan ittiin jedhan Tokkummaan Mootummootaa Hamaasiif haguuggii ta’aa jira jechuun himatan.

Hamaas himannaalee lamaan ni haale

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG