Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Lammiiwwan Eertraa Buufata Poolisii Magaalaa Finfinnee Adda Addaa Keessatti Hidhamanii Jiraachuun Gabaasame


FINFINNEE
FINFINNEE

Itiyoophiyaa keessatti Baqattoota Eertiraa fi kanneen dahata siyaasaa gaafatan irratti hidhaan walitti qabuun raawwatamaa jira" jechuu dhaan Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa beeksise.

Komiishinichatti daayirkiterri mirga hojii buqqaatotaa, godaantotaa fi kanneen biyya ofii keessatti biyya ofii irraa buqqa’anii Inguday Mesqelee VOAf akka ibsanitti Finfinnee buufata poolisii adda addaa keessatti buqqaatonni lammiiwwan Eertraa hidhamanii jiraachuu mirkaneeffanneerra jedhan.

Kannen keessaa dirqamanii gara biyya isaaniitti deebisamuun isaan mudachuuf kan jiru kan ibsan daayirikterittiin, tarkaanfiin kun walii galtee sadarkaa addunyaa waan cabsuuf nu yaaddessa jedhan.

Baqattoonni VOAf ibsa Kenan gama isaaniin, polisiin sababa tokko malee qabee akka isaan hidhuu fi dhiittaa mirgaa adda addaaf saaxilamaa jiraachuu dubbatu.

Tajaajilli baqattootaa fi baqaa deebii kan Itiyoophiyaa gama isaan komiishinichi yaadaawwanii fi komee dhiyaataniif yeroo dhiyoo deebii akka kennu beeksisee jira.

Baqattoota kana keessaa nageenya isaaf sodaatee maqaan koo akka hin tuqamne ka jedhe namni tokko, waraqaan eenyummaa keessanii hin haaromsamne jedhamuu dhaan hiriyoota isaa sadii waliin bakka bashannanaatii poolisii dhaan qabamanii erga hidhamanii booda torban tokko booda gad dhiisamuu dubbata.

Buufata poolisii inni keessa ture keessa namoonni 60 ka biroon ka turan yoo ta’u irra hedduun isaanii lammiiwwan Eertraa ta’uu ibsee, yakki nuti hojjenne hin jiru, qorannaan geggeessames hin jiru jedhee jira. hidhamtoonni kun gad dhiisamuuf illee maallaqa gaafatamna jechuun himataniiru.

Dhimma kana ilaalchisuun waaltaalee poolisii fi Fedeeraalaa Finfinnee biraa deebii argachuuf yaaliin ta’e har’aaf hin milkoofne jechuun Gebre Mikaa’el GebreMedin gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG