Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maatiiwwan Burundii Keessaa Haleellaa Ripxe Loltootaa Dhaqqaben Firoottan Duraa Du’an Awwaallataa Jiru


BURUNDII
BURUNDII

Burundii keessatti haleellaa garee finciltootaa biyya ollaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessa maadheffataniin raawwatame hordofuun yoo xiqqaate namoonni 20 ajjeefamuu dubbi himaan mootummaa Burundii Sambata darbe ibsaniiru.

Ilma obboleessa kootii kan daandii sadaffaa irra jiraatu arguuf ba'een ture, ijoollee isaa waliin ajjeefame jedha firai nama miidhame kanaa kan ta'e Jiyaan Niyoonzimaa.

Haleellaan kun, Jimaata galgala magaalaa dhiha Vugiizoo jedhamtu kan Haroo Tanganyikaa daangaa Koongoo dhiyootti argamu keessatti manneen sagal irratti kan qiyyaafate ta’uu mootummaan Burundii beeksiseera.

“Dhugaa dubbachuuf, kun shororkeessummaa irraa gadi miti. Dubartiin ulfaa tokko lubbuu ishee akka oolchan isaan kadhattee turte, dhumarratti garuu hunduu akkasumaan ta'e," jechuun Ministirri Biyya Keessaa Burundi Maartiin Niteretsee Kibxata kaleessaa dubbataniiru.

Gareen finciltoota hidhatee Burundii kan baha Koongoo Kibba Kiivuu keessatti argamu RED-Tabara, maxxansa X, ka duraan Tiwiitara ture irratti barreesseen haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhate. Gareen kun namoota nagaa irratti fuulffachuu haaluun loltoota sagal fi poolisii tokko ajjeesuu hime.

Angawoonni Burundii RED-Tabara akka sochii shororkeessummaatti ilaalu.

Gareen kun jalqaba bara 2011 kan mul'ate yoo ta'u, bara 2015 irraa eegalee Burundii keessatti haleellaa walitti fufiinsaan raawwatameen himatamaa ture jedha gabaasi Associated press.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG