Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa’el Lola Gaazaa Keessa Babal’isuuf Karoorsuun Yaaddessaa Dha Jedha Tokkummaan Mootummootaa


Faayilii: Loltoonni Israa'el daangaa dugdee Gaazaa fi Israa'el Irratti Konkolaataa waraanaa isaanii waliin Muddee, 27, 2023.
Faayilii: Loltoonni Israa'el daangaa dugdee Gaazaa fi Israa'el Irratti Konkolaataa waraanaa isaanii waliin Muddee, 27, 2023.

Humnoonni Israa’el Roobii har’aa haleellaa qilleensaa haaraa Gaazaa keessatti kan raawwatan yoo ta’u, angawoonni Israa’el waa’ee lola lafoo babal’isuu ilaalchisee yaada kennanii guyyaa tokko booda, nageenya siiviilotaa ilaalchisee yaaddeessaa ta’uu Tokkummaan Mootummootaa akeekkachiisee jira.

Lolli Roogii har’aa duula lafoo fi haleellaa qileensa irraan Israa’el magaalaa Gaazaa kan Kaaba dugdee Gaazaa bakka waraanni Israa’el duraan garee Hamaas barbadeessuu irratti fuuleffachuun duula geggeesse dabalata.

Erga gara naannoo Kahaan Younisitti socho’anii booda, angawoonni Israa’el torban kana gara walakkeessa Gaazaatti kan socho’an ta’uu yoo ibsan, bakki kunis bakka mooraaleen baqataa hedduun keessa jiru.

Gama biraan humnoonni Israa’el roobii har’aa ennaa West Bank weeraranitti namoota ja’a ajjeesanii jiran. Tajaajilli oduu Faailsxiin Waafaan akka gabaasetti, haleellaan qilleensaa kan Israa’el mooraa baqataa magaalaa Tujlkaarem cina jiruu Nuur Shaams kan haleele yoo ta’u namoonni hedduun madaa’aniiru.

Waraanni Israa’el duula farra shororkeessummaa mooraa Nuur Shaams keessattan geggeesse jedhee, humnoonni isaa garee namoota dhuka’aa darbaniin haleellaan irratti raawwate jedhe. Humnoonni ittisaa Israa’el akka jedhanitti xayyaarri waraanaa garee kana haleeluu isaa fi loltoonni isaanii ennaa duula Nuur Shaams akkasumas Hebroon keessatti geggeessameen namootas 14 to’annaa jala oolchaniiru jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG