Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaantonni Karaa Daangaa Meeksiikoo Ameerikaatti Yaa’uu Itti Fufan


Faayilii: Godaantonni Meeksiikoo irraa gara daangaa Yunaayitid Isteesitti yaa'aa jiran. Muddee 24, 2023
Faayilii: Godaantonni Meeksiikoo irraa gara daangaa Yunaayitid Isteesitti yaa'aa jiran. Muddee 24, 2023

Godaantonni kumaan laka’aman karaa Meeksikoo kibbaa gama Ameerikaatti yaa’uu kan itti fufan yoo ta’u, hangi tokko akka jedhanitti angawoota Ameerikaa fi Meeksikoo gidduutti dhimma godaantota daangaa irratti dararamaa jiranii ilaalchisee marii karoorfame irraa waa gaarii akka hin eegan.

Godaantonni kun Kibxata darbe bakka sakatta’iinsa immigireeshinii biyya keessaa guddicha Meeksikoo ka dugdee magaalaa Huixtla, kibba bulchiinsa Chiapas keessatti argamtu bira darbaniiru. Angawoonni waardiyyaa Biyyaalessaa achi jiran godaantota tilmaamaman 6,000 ta'an dhaabuuf yaalii hin goone. Yeroo darbe Meeksikoon daandii guddaa irra deemuu dhaan of dadhabsiisu jettee abdachuun akka darban isaan gadhiiftee turte. Garuu angawoonni Yunaayitid Isteetis walgahii Roobii dhufuuf beellamame irratti Meksikoon godaantotonni dabalataa deemuu akka dhaasistu dhiibbaa ni godhu jedhamee eegama.

Wanti Meeksikoon barbaaddu maallaqa, maallaqa godaantota hidhuu fi biyyaa ari'uu ti, jedhu leellisaan mirga godaantootaa fi qindeessitoota godaantonni akka yaa’an taasisan keessaa tokko Luwiis Garsiyaa Viilagiraan,

Pirezidaantiin Meksikoo Andrés Manuel López Obrador torban darbe akka mirkaneessanitti, angawoonni Yunaayitid Isteetis kan isaan barbaadan Meksikoon godaantota daangaa ishee gama kibbaa Guwaatemalaa waliin qabdu cufuu ykn baaburaan ykn konkolaataa fe’umsaa ykn otoobisii dhaan Meksikoo keessa socho’uun caalaatti rakkisaa akka taasistu jedhan.

Prezidaantichi akka jedhanitti garuu kan nuti irratti mari’achuuf deemnu waa’ee godaantonni akka isaan hin sochoone dhaabsisuu qofaa utuu hin taane, Yunaayitid Isteetis uggura kana kaa’uu qofaa utuu hin taane biyya godaantota kanaaf gargaarsa misoomaa itti dabalaa erguu fi uggura Kuubaa akkasumas Venenzueelaa irr ajiru xiqqeessuu ykn haquu qabdi jedhan. Ministrii haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken, ministra nageenya biyyoolessaa Alejandroo Maorkaas fi gorsaan nageenya biyyoolessaa kan White House Liz Sherwood-Randall mariif jecha gara Meeksikootti imaluuf jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG