Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbanni "FITCH" Jedhamu Sdarkaan Liqaa Baasuu  Itiyoophiyaa Gara “RD” Yokaan' Liqaa Baasuu Hanqachuu Daangeffamaatti' Gad-bu’uu Beeksise


FILE PHOTO: A general view shows the cityscape of Ethiopia's capital Addis Ababa
FILE PHOTO: A general view shows the cityscape of Ethiopia's capital Addis Ababa

Dhaabbanni Fiich sadarkaa Liqaa biyyootaa baasuun beekamu sadarkaa Liqaa Itiyoophiyaa gara turtii daangeffamaatti gadi buuse. Kunis Itiyoophiyaan Kaffaltiin Liqaa Yuurooboondiin irra jiru doolaara miiliyoona 33 yeroon kaffaltii isaa gaafa Muddee 11 ture osoo hin kaffaliin hafuu isheetiin. Itiyoophiyaan sababaa kaffaltii kana yeroo isaa hanqisuutiinis seenaa biyya Afirikaa Ishee Sadaffaa Idaa liqaa yeroon hin kaffaliin hafte jedhamteetti. Akka dhaabbata sadarkaa liqaa biyyootaa xinxalu kanaatti Itiyoophiyaan Idaa liqaa Yuuroo Boondii doolaara biiliyoona tokko irra jiru biyya kaffaluu hanqatte jechuun kaa’eera. Garuummoo sadarkaan liqaa Itiyoophyaa haala sharafa naannoo waliin yommuu madaalamu sadarkaamaa duraan irra ture “CCC-“ Ykn Negative jedhamu keessa jiras jedheera.

Gama Mootummaa Itiyoophiyaatiin dhaabbileen liqeessitootaa yeroo kaffaltii akka dheeressaniif ykn yeroo boqonnaa akka kennaniif mariirra jiraachuu ibsee gama liqeessitoota Chaayinaarraa kaffaltii doolaara biiliyoona 1.5 silaa bara kaffaluu qabdu yeroon boqonnaa akka kennamuuf walii galteerra ga’uu Ibsee. Liqeessitoota isaa hundaa waliin mariirra waan jiruuf kan wara liqeessitoota Yuurooboondiis marii kana keessatti waan hammatamuuf hanga walii galteerra geenyutti malee Idaa liqaa narra jiru kaffaluu dadhabuu koo miti jedheera Ministirri Faayinaansii Ibsa gaafa Mudde 15 kenneen.

Sababa wal waraansa Kaaba Itiyoophiyaa keessa tureen miidhaa qaqqabeeru deebisanii ijaaruuf Itiyoophiyaan Doolaara Biiliyoona 20 ishee akka barbaachisu kan tilmaame, Biyyi hula Galaanaa hin qabnee fi qaala’insi akkasumas hanqinni sharafa biyya alaa hedduu ishee rakkisaa jiru Idaa liqaa biyyoota alaa Doolaara biiliyoona 28 ofirraa qabdi jedha gabaasni Ajaansi iraansi Pirees.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG